in

Yuunvarsiitii Jimmaatti kan qophaa’e, Moojulli gosa barnootaa mata dureensaa ‘Xiin-Hawwaasummaa uummata Itoophiyaa’ jedhu, qabiyyee barnootasaa keessatti, seenaa sobaa Uummata Oromoo xiqqeessuuf kalaqamee dhiheessuun isaa komii kaase.

[ad_1]

Yuunvarsiitii Jimmaatti kan qophaa’e, Moojulli gosa barnootaa mata dureensaa ‘Xiin-Hawwaasummaa uummata Itoophiyaa’ jedhu, qabiyyee barnootasaa keessatti, seenaa sobaa Uummata Oromoo xiqqeessuuf kalaqamee dhiheessuun isaa komii kaase.

 

Moojulli damee barnoota fagoo barsiisuuf, muummee barnoota xiin-Hawaasummaatiin qophaa’e kun, uummata Oromoo akka lammii lammaffaa biyyattiitti kan ibseefi sirna Gadaa kan xiqqeessedha jechuun qeeqaaf saaxilame.

Yuunvarsiitiin Jimmaas komii dhihaate kana ilaalchisuun, ibsa kaleessa galgala karaa fuula Facebook isaatiin baaseen, barreessaan moojilichaa akka gaafatamuu fi dhimmichi dogoggora guddaa akka ta’ee ibseera. 

Sirni biltsiginnaan hoogganamu gara aangootti dhufuu hordofee adeemsi naannoo barnootaatti mul’atu akkaan yaaddessaa ta’aa dhufee jechuun xinxaaltonni ibsaa turan.

Qabiyyeen barnoota olaanaa dhiibbaa jabaa jala seenaa jira jechuunis komatama.

Sadarkaa Yuunvarsiitiitti gosa barnootaa dhaabbataa (Common course) kennamuuf murteeffame keessaa Moojuliin Barnoota Seenaa, sababa seenaa Aanolee fi Calanqoo of keessaa qabuuf akka hin baratamne dhorkamuutu dubbatama. 

Tibba kana immoo moojuliin Yuunvarsiitii Jimmaatti qophaa’e jedhame ijoo dubbii biraa ta’eeti jira.

Moojulli gosa barnootaa ‘Xin-Hawaasummaa uummata Itoophiyaa’ /SOCIOLOGY OF ETHIOPIAN SOCIETY/ jedhamu irraa barsiisuuf qopheeffame, seenaa sobaa Uummata Oromoo xiqqeessuuf kalaqamee of keessatti qabatee maxxanfamuun barataaf raabsame.

Qabiyyee Moojula kanaa keessatti, Oromiyaan saba Oromootiin qabamuusheen dura lafa Amaaraa turte kan jedhuu fi Sirni Gadaa sirna leellifamuun irra hin jirredha yaadni jedhu jiraachuu, barattootni Yuunvarsiitiichaa, moojulicha suuraa kaasuun marsaa hawaasummaarratti facaasuu eegalan.

Hayyootaafi rogeeyyii Oromoo dabalatee namoota hedduudhaan wal harkaa fuudhamuun, dhimmichis balaaleffatamaa ture.

Barsiisaa Yuunvarsiitii Jimmaa kan ta’e nama Bisiraat Tasfaa jedhamuun kan qophaa’e Moojilichi, qeeqaaf saaxilamuun Yuunvarsiitichi dhimma kana ilaalchisuun akka deebii kennuuf, marsaa hawaasummaarratti duulli guddaan itti baname. 

Yuunvarsiitiin Jimmaas komii hawaasaa dhaga’ee ibsa kaleessa galgala baaseen, “Barruu Dogoggoraa ykn Seer-maleessa waa’ee Oromoo irraatti baarreeffame ilaalchisuun tarkaanfiin hatattamaa fudhatamera” jechuun fuula Facebook irratti ibse.

Xalayaa bulchiinsi Yuunvarsiitichaa, I/ Aanaa Pirezdaantii Dhimmoota Akkaadaamii Yuunivarsiitii Jimmaatiif barreesseen, Tarkaanfiin Sirreeffamaa Ariifachiisaan ta’e akka fudhatamu ajajuusaa ibseera.

Yuunivarsiitii Jimmaatti Sagantaa barnoota fagoo Muummee Sooshiyoolojiitiin kennamuun moojula gosa barnootaa ‘Sociology of Ethiopian Societies’ jedhamuuf barattootaaf qophaa’e irratti dhimma seenaa ummata Oromootiin walqabatee ibsi kenname dogoggoraafi seer-maleessa waan ta’eef murteewwan, barreessicha qorachuutii hanga moojuloota raabsaman deebisanii sassaabuutti akka fudhamatamanis Yuunvarsiitiichi ibseera.  

Yuunvarsiitiilee qofa otoo hin taane barnoota sadarkaa 2ffaafi 1ffaa keessattis kitaabileen barnootaa haaraa raabsamaa jiran sabdaneessmmaa otoo hin taane sirnoota durii kan leellisan jedhamuun komatamaa jira.

Eenyummaa sabootaa fi sablammootaa deebisanii dukkaneessuuf maqaa Itoophiyummaa leellisuutiin sirna aadaa, afaan fi seenaa tokkoo ijaaruuf akeeka qabutu dhaloota ittiin qaruuf itti deemamaa jira jechuun qeeqni cimaan dhagahamaa jira.

Rogeeyyiin marsaalee hawaasaa hedduun, maatiin barattoota kitaabilee barnootaa ijoolleen keessan irraa baratan dabalatee, mana barumsaatti maal akkasaan baratan beekuu qabdu jechuun dhaamsa dhaamaa jiru.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

UNDP to Share Ethiopia’s Green Legacy Initiative with 10 African Countries | Satenaw: Ethiopian News

Mootummaan asxaa Biiroolee Oromiyaa irraa mallattoolee Oromoo balleessaa deemuun aggaammii akka sabaatti eenyummaa Oromoo balleessuuf jiru ta’uu rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa himan.