in

Yuunivarsitii Hawaasaatti riqichi jigee barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoramuuf garasitti imalan irraan miidhaa dhaqqabsiise. – OMN

[ad_1]

Yuunivarsitii Hawaasaatti riqichi jigee barattoota qormaata kutaa 12ffaa qoramuuf garasitti imalan irraan miidhaa dhaqqabsiise.

 

Riqichi jige mooraa guddaa Yunivarsitichaa kan mooraa Techno jedhamuun beekamuun wal-quunnamsiisu yoo tahu, har’a ganama jiguun barattoota qormaata fudhachuuf walitti qabaman hedduurraan miidhaa qaqqabsiisuutu himame.

Balaa mudateen barataan tokko lubbuu isaa dhabuu fi barattoonni biroon madaa’uu biiroon bulchiinsaa fi nageenyaa naannoo Sidaamaa beeksiseera.

Biirichi akka jedhetti, balaa kanaan barataan tokko lubbuun darbee, lama immoo garmalee miidhaman.

Namoonni ijaan argan immoo barattoota 60 caalaatu madaa’ee jedhan. 

Barattoonni miidhaa garaagaraaf saaxilaman wal’aansaaf gara Hospitaala Rifaraalaa Hawaasaatti guuramaa turuus himaniiru.

Balaa mudateen walqabatee barattoonnii fi maatiin barattootaa rifaatuu jabaa keessa seenuun muddamni uumamuu odeeffanneerra.

Barattoonni qormaataaf gara yuunivarsiitii gaaf dhaqan bilbila harkaa akka qabatanii dhufan waan dhorkamaniif maatiin haala ijoolleen isaanii keessa jiran odeeffannoo dhabuun gara yuunivarsiitichaatti yaa’aa jiru jedhameera.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Tarkaanfiin mootummaan barattoonni kutaa 12ffaa qe’ee isaanii irraa akka fagaatanii qormaataaf taa’an taasise ilmaan keenya rakkoo guddaaf saaxile jedhu maatiin.

Gov’t Reiterates Commitment To End War In Northern Part Thought Peaceful Means – Satenaw: Ethiopian News