Yunaayitid Arab Emireetis magaalaa Dubaayitti ayyaanni Irreechaa kabajame.
Ayyaana Irreechaa har’a paarkii al Mamsaritti kabajame irratti dhalattoonni Oromoo heddumminaan argamaniiti jiru.
Sirni kabaja ayyaanichaa agarsiisa aadaa fi qophiilee garaagaraatiinis dabaalameeti jira.
Hirmaattonni sirna kabaja ayyaanichaa dhalattoonni Oromoo biyyoota alaa jiraatan bakka jiranitti aadaa, duudhaa, seenaa fi eenyummaa Oromoo kunuunsuu fi addunyaatti mul’isuu akka qaban himaniiti jiru.
Irreechi mallattoo tokkummaa Oromoo ta’uu eeranii, dhaloonni kun Irreecha cimsatee dhaloota dhufu dhaalchisuu akka qabus dubbataniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings