Yaayyaa Gullalleetti humnootiin mootummaa manneen jiraattotaa gubuun dhagahame.
Salaale aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Goda Jabaa jedhamu keessatti waraanni mootummaa guyyaa sadii dura mana Abbootii warraa 7 gubuun dhagahame.
Maatii haleellaa kanaan qe’een isaanii barbadaaye keessaa namni OMN dubbise akka jedhetti Sababa ijoolleen keessan daggala jiru, gandi keessan Waraana Bilisummaa Oromootiif dawoo taatee jirti jedhuun qe’een maatiii torbaa gubachuu eere.
Badii waraanni mootummaa Caamsaa 27 dhaqqabsiise kanaan qabeenyi maatii kanneenii tokko hin hafneef jedhe.
Qabeenyi mana keessa ture, midhaanii fi Jabbileen mana keessatti hidhaman waliin gubatanii jiru jedhu jiraattonni.
Mana nama obbo Ibsaa Baayisaa jedhaman keessa kan ture meeshaa fi qabeenyi afooshaas mana keessa gubachuu hime namni nu dubbifne.
Sababa rakkoo waraanaa kana hawaasni aanichaa gariin gara aanaa ollaa aanichaa taate aanaa Ada’aa Bargaatti buqqa’ee deemaa jira.
Haa ta’uu malee aanaan Ada’aa Bargaatis rakkoo wal fakkaataa keessa waan jiruuf achittis maatiin buqqa’e kun rakkachuun isaanii hin hafu jedha namni yaada nuuf kenne.
Aanaa Yaayyaa Gullallee maleellee gandoota aanaa Dagam kan Sulula Mogor keessa jiranitti waraanni kan baname ji’a Onkololeessaatii kaaseeti.
Yeroo sanaa kaasee manneen barnootaa, gabaa fi tajaajilli hawaasummaa biroo ciccitaa dha jedhame.
Waqtiin kun immoo waqtii qonnaa ti. Yeroo facaasaafi murteessaa dha. Uummanni amma oomisha irratti hin bobbaane ji’oota muraasa booda beelaaf saaxilamaadha. Kun yaaddoo guddaa uummata Oromiyaa kutaa hundatti waraanan marfamee jiruuti jedhamaa jira.
Waraanni mootummaa Oppireeshiniif bobba’e jedhamu humna Waraanaa Bilisummaa Oromoo osoo hin taane uummata nagaa irratti xiyyeeffachuun nama ajjeesaa, qe’ee gubaa, qabeenya saamaa akka jiru kan himamu.
Sa’aatii odeessa kana bilbilaan aanicharraa fudhannetti dhukaasni guguddaan ni dhagahama.
Aanaalee godina Salaalee irra caalaa isaanii keessa sochiin waraanaa hammaachaa kan jiru yoo ta’u gaaga’amni jabaan uummata nagaarra gahaa jiraachuu gabaasaa turre.
GIPHY App Key not set. Please check settings