in

Yaaddannoon waggaa 16ffaa wareegama Artist fi qabsaa’aa Usmaayyoo Muussaa adeemsifamuuf jedha. – OMN

[ad_1]

Yaaddannoon waggaa 16ffaa wareegama Artist fi qabsaa’aa Usmaayyoo Muussaa adeemsifamuuf jedha.

 

Sadaasa 27 bara 2022 jechuunis Dilbata dhufu waaree booddee Artist Usmaayyoo Muussaa sagantaa Hoteela intanaashinaalii Ililliitti qophaa’un ni yaadatama jedhu qindeessitoonni sagantichaa.

Artist Usmaayyoo Muussaa Qabsoo Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba.

Sirboota Warraaqsaa kan Qeerrowwan onnachiisanii fi barsiisan hojjachuun qabsoof kakaasaa ture.

Artist Usmaayyoo Muussaa sirboota warraaqsaa, jaalalaa fi jiruuf jireenyaa weellisuun hawaasa dammaqsaa waan tureef, bara mootummaa ADWUI keessa qabamee mana hidhaa keessa waggoota 8 caalaf hidhamee akkuma gadi lakkifameen osoo yeroo dheertuu hin turin du’aan addunyaarraa boqate.

Artiist fi qabsaa’aa Usmaayyoo Muussaa gumaacha bara jireenya isaa taasiseef qophii yaadannoo kana irratti qophiilee garaagaraatiin ni yaadatama jedhameera.

Yaadannoon Artistii fi qabsaa’aa Usmaayyoo Muussaa waggaa 16ffaan magaalaa Fiinfinnetti dilbata dhufu kabajamu kanarratti Artistoonni bebbeekamoon ni argamu jedhamee eegama.

Sagantaa kanarratti maatii Eebbisaa Addunyaa, Abdii Qophee, Yoosef Gammachuu, Hacaaluu Hundeessaa, Daadhii Galaan fi Artistoota wallee warraaqsaafi mirga dhala namaaf osoo falman  wareegaman biroof badhaasni akka kennamus ibsameera.

Guyyaa Yaadannoo kanatti kitaabni seenaa Artist Usmaayyoo Muussaa irratti Intalasaa Wallistuu Saartuu Usmaayyoo fi Gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaan barraa’e eebbifamuun hawaasaaf kan raabsamu tahuun ibsameera.

Faawundeeshinii Artist Usmaayyoo Muussaa hundeessuuf yaadni bu’uuraa akka kaa’amus Artist Saartuu Usmaayyoo OMNitti himtee jirti.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Army commander says TPLF forces will withdraw from the front lines in a few days | Addis Zeybe

Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa hedduu keessatti hiriirri balaaleffannaa hidhattoota Faannoo adeemsifamuu jiraattonni himan. – OMN