Yaadannoon Artistii fi qabsaa’aa Usmaayyoo Muussaa waggaa 16ffaan magaalaa Fiinfinnetti kabajamuuf akka jiru ibsame.
Sagantaan yaadannoo Artist Usmaayyoo Muussaa, kun intala isaa weelliftuu Saartuu Usmaayyootin kan qophaa’aa jiru yeroo tahu, Magaalaa Fiinfinnee Hoteela Ilillitti sadaasa 18,2022 adeemsifamuuf jira.
Artist Usmaayyoo Muussaa, Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaa Ganda Haajii keessatti dhalatee guddate.
Artist Usmaayyoo Muusaa Qabsoo Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba.
Sirboota Warraaqsaa Kan Qeerrowwan onnachiisanii fi barsiisan hojjachuun qabsoof kakaasaa ture.
Artist Usmaayyoo Muussaa ,sirboota warraaysaa, jaalalaa fi jiruuf jireenyaa weellisuun hawaasa dammaqsaa waan tureef, bara mootummaa ADWUI keessa qabamee mana hidhaa keessa waggoota 8 caalaf hidhamee akkuma gadi lakkifameen osoo yeroo dheertuu hin turin du’aan addunyaarraa boqate.
Qopheessituun sagantichaa, intalti Artist Usmaayyoo Muussaa Saartuu Usmaayyoo yaada OMNf kenniteen, sirna Yaadannoo Sadaasa 18 adeemsifamuuf jiru kana irratti, kitaabni seenaa artist Usmaayyoo Muussaa irratti barreeffame ni eebbifama jette.
Faawundeeshinii artist Usmaayyoo Muussaa Hundeessuuf yaadni bu’uraa kan kaa’amu tahuus Saartuun himtee jirti.
Sagantichi Hojiilee artii Oromoo keessatti artist Usmaayyoon hojjataa turee fi hojiilee isaa karaatti hafanii bakkaan gahuuf kan kaayyeffate tahuus Intalti Artist Usmaayyoo Saartuun Himtee jirti.
Saganticha irratti artistoonni Oromoo hedduun irratti argamanii ummata booharsuuf akka karoorfatan odeeffanneerra.
Artistii fi Qabsaa’aan Usmaayyoo Muussaa abbaa ilmaan shanii ture.
GIPHY App Key not set. Please check settings