in

Wixineen dambiii hundeeffama magaalaa haarawa Shaggar jedhamtuu magaalaa Shaggar jechuun magaalota guguddoo Oromiyaa Finfinnee marsanii jiranii fi aanaalee fi gandoota baadiyyaa Oromiyaa kan godina addaa naannawa Finfinnee jiranirraa magaalaa hundeeffamuuf jirtu ta’uu agarsiisa.

[ad_1]

Wixineen dambiii hundeeffama magaalaa  haarawa Shaggar  jedhamtuu magaalaa Shaggar jechuun magaalota guguddoo Oromiyaa Finfinnee marsanii jiranii fi aanaalee fi gandoota baadiyyaa Oromiyaa kan godina addaa naannawa Finfinnee jiranirraa magaalaa hundeeffamuuf jirtu ta’uu agarsiisa.

 

Wixinee Dambii hundeeffama Magaalaa Shaggar keessatti keewwanni tokko “Dambiin Waajjira Bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Hundeessuuf bahe lakkoofsa 115/2000 dambii kanaan haqamee jira” jedha.  

Kana jechuun Godinni addaa Oromiyaa Naannawa Finifnnee jedhamu diigamee jira jechuu dha. 

Wixineen hundeeffama magaalaa Shaggar kun OMN dhaqqabee jira.

Wixineen dambiii hundeeffama magaalaa haarawa Shaggar  jedhamtuu akka agarsiisutti magaalaa Shaggar jechuun magaalota guguddoo Oromiyaa Finfinnee marsanii jiranii fi aanaalee fi gandoota baadiyyaa Oromiyaa kan godina addaa naannawa Finfinnee jiranirraa magaalaa hundeeffamuuf jirtu dha.

Wixineen kun barbaachisummaa hundeeffama magaalaa Shaggar yoo ibsu, Magaalotaa fi gandoota baadiyyaa Naannawa Magaalaa Finfinneetti argaman karaa  kenna tajaajilaa fi hojiiwwan bulchiinsaatiif mijachuu akka danda’aniin walitti makuu fi bu’uuraalee misoomaan walqunnamsiisuun magaalaa ammayyaa fi hawwataa  uumuufi jedha.

 Magaalaan Shaggar qaama gurmaa’insa Bulchiinsa Mootummaa Naannichaa ta’uun Dambii kanaan kan hundeeffamtu yoo taatu Magaalota Finfinneetti marsanii jiran  Burraayyuu, Kolooboo, Sulultaa, Laga Xaafoo-Laga Daadhii, Galaanii fi Sabbataa guutumaa guutuutti,  Gandoota baadiyyaa Aanaalee Walmaraa, Sulultaa, Barrak, Aqaaqii fi Sabbataa Awaas irraa magaalicha keessatti akka hammataman baay’inni isaanii dambii kanaan murtaa’e of jalatti hammatti.  

Lafti Adoolessa darbe keessa Koree teknikaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee’tiin qoratame jedhamee gara Godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinneetti akka daangeffamu murtaayes qaama Shaggar ta’a jedhama.  

Bal’inni Magaalaa Shaggar hektaara 160,892.8 ta’a. Kana  jechuunis magaalaan Shaggar bal’inaan Finifnnee   4 taati.

Balina magaalaa tana hir’isuunis dabaluunis akka danda’amu kaaya dambiin hundeeffama Shaggar. 

Teessoon Waajjira Muummee Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Magaalaa Finfinnee yoo ta’u magaalaan Shaggar,  Bahaan Godina Shawaa Bahaa, Kibbaan Godina Shawaa Bahaa fi Bulchiinsa Magaalaa Duukam,   Kibba Lixaatiin Godina Shawaa Kibba Lixaa,   Kaabaan Godina Shawaa Kaabaa fi  Lixaan Godina Shawaa Lixaatiin daangeffamti. Magaalaan Kantiibaa tokko kantiibaa itti aanaa tokko ykn sanaa oliin bulti jedhamtu tun   Bulchiinsa Magaalaa, Kutaa Magaalaa fi Bulchiinsa Aanaa Magaalaa qoqqoodamti.

Kutaalee magaalaa 12 fi kutaa aanaalee magaalaa 36’tti qoodamuu ishee kaasa Dambichi. 

Dambii kana keessatti keewwanni tokko “Dambiin Waajjira Bulchiinsa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Hundeessuuf bahe lakkoofsa 115/2000 dambii kanaan haqamee jira” jedha. Kanaaf godinni Addaa Oromiyaa naannawa Finifinnee jedhamu ni diigama jechuu dha.  Waayee hundeeffamuu magaalaa tanaa hawaasni magaalotaa fi gandoota baadiyyaa godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneefi magaalota Finfinnee marsanii jiranii waan beeku hin qabu. Hundeeffamni magaalaa haarawa tanaas gaaffiiwwan seeraa fi bulchiinsaa kaasaa jira.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Benshangul Gumuz Region informs all gold mining companies to sell their products only to National Bank

PM Abiy Discusses With Members of Sudan Transitional Sovereign Council –