[ad_1]
Weerarri lafaa sababa “Taabotatu lafa keessaa argame” jedhuun, namoota maqaa amantaatiin daldalaniin raawwatamu fudhatama hin qabu jedhe B/M/Galaan.
Bulchiinsa magaalaa Galaan Ganda Caffee Tumaa jedhamuun beekamutti Tibbana namoonni maqaa amantaatiin daldalan muraasni Taabota waggoota 500 dura awwaalametu mul’ataan argame jechuun bakkicha seeraan ala dalleeffatanii, achi buufatanii turan.
Dhimmichi waa’ee amantaa osoo hin taane, qaamuma gocha saamicha lafaa kanaan dura irra deddeebiin Taabotatu bu’e, Taabotatu lafa keessaa argameefi Xabalatu dhoheen sababa jedhuun raawwatamaa tureeti jechuun hedduun gama marsaalee hawaasaatiin qeeqaa turaniiru.
Hordoftoota amantaa Ortodoksii dabalatee hedduun dhimmicha irratti yaada kennan, gochi akkanaa amantaa keenya xiqqeessuudha, isaan gocha akkanaa irratti bobba’an adabbii maluuf argachuu qabu jechuun miira isaanii ibsataa turan.
Haata’u malee dhimmichi ammallee furmaata hin arganne jedha gabaasni BBC’n Afaan Oromoo har’a dubbisiise.
Kantiibaan Magaalaa Galaan Aadde Wayinisheet Gizaaw, torbee darbe keessa namootni muraasni gara bulchiinsa magaalichaa dhufuudhaan bakka Caffee Tumaa jedhamu kanatti kadhannaa goona jechuun gaafatanii akka turan BBCtti himan.
“Jalqaba naannoo sanatti tsalootii goona jedhanii gaafatan. Tsalootiidhaaf heeyyamni gaafatamu hin jiru ni dandeessu jenneeni jedhu.
“Waan isa booda dhufu waan beekneef ‘booda kuni ta’e, suni ta’e jettu taanaan hin danda’amu’ jennee dursinee itti himne” kan jedhan Aadde Wayinisheet. Guyyaa muraasa booda namootni kunneen tsalootii goonee Taabota bakkichatti arganneerra jechuu isaaniis himan.
“Xalayaa lammataa gara keenya fidan irratti bakka Caffee Tumaa kanatti waan akkasii waan arganneef bakkuma sana osoo tursiisnee malee ‘achii nuuf ka’uu dide’ jedhan.
“Kana nuti itti hin amannes hin beeknus. Anilleen akka nama tokkootti amantaa kanan hordofa waan akkanaa [garuu] hin beeknu,” jedhan Aadde Wayinisheet.
Bakka amma Taabonni itti argame jedhame kana cinaatti manni amantaa Ortodoksii waan argamuuf Taabota arganne jedhan kanas gara mana amantichaa geeffatanii achitti akka tsalootii isaanii itti fufuu danda’an itti himnee turres jedhu.
Namootni tsalootiidhaan booda Taabota bakka sanatti arganne jedhan kunneen garuu sababa Taabotichi ‘achii ka’uu didee’ fi ‘Phaaphaasiin dhufu malee hin ka’u’ jedhaniin hanga guyyaa har’aattillee bakkichuma qubatanii jiraachuu himan.
“Lafti manni amantaa amma jiruu fi bakki isaan waan kana arganne jedhan meetira 100 caalaa waalirraa hin fagaatu. Waan arganne jettan kana gara mana amantichaa geeffattanii bakkicha hin gadhiistan yoo ta’e tarkaanfii fudhanna jennee akeekkachiisa kennineefii jirras,” jedhan.
Namni jalqaba bakkichatti Taabota argadhe jedhee fi namootni inni ergasii waammate abbootii amantii naannichaa fi jiraattota naannichaa osoo hin taane, kanneen gara biraatii dhufan ta’uus eeran.
Lafti amma Taabotni keessaa argame jedhamu kuni lafa pirojektii mootummaa irratti ijaaruuf diizaayiniin isaa hojjetamee hojii jalqabuuf itti qophaa’amaa jiru akka ta’es dubbatan.
Magaalichatti amma duras namni kadhannaadhaan tsabala argadheera jechuun toftaadhaan weerara lafaa gageessuuf yaalii taasise seeratti dhihaatee hidhaadhaan akka adabamee tures yaadachiisan.
Gochi amma namootni kuni yaalaa jiran maqaa amantaa dahoo godhachuudhaan weerara lafaa gaggeessuuf waan ta’eef bulchiinsi magaalichaa tarkaanfii akka fudhatus himan.
“Amma lafti sababa kanaan kennamu tokkoyyuu hin jiru. Akeekkachiisa dhumaa kennineefii jirra. Guyyaa muraasa keessatti waan arganne jedhan kaafatanii bakkicha hin gadhiisan yoo ta’e, poolisiidhaan tarkaanfiin olaantummaa seeraa mirkaaneessuu ni fudhatama,” jedhan Aadde Wayinisheet.
Taateen akkanaa yoo mudatu kun kan jalqabaa miti. Waggaa lamaan duras Naannawa Koyyee Facceetti Taabotni waaqarraa bu’e jedhamuun dubbii ijoo ta’ee ture.
Hogganaa Itti-aanaan Mana Lubummaa Bataskaana Ortodokosii Itoophiyaa Luba Balaay Mokonnin kana dura yaada kennaniin, “dubbiin akkasii kun amantii kan miidhudha” jedhanii turan. “Taabonni Waaqaa bu’e Taabonni lafa keessaa argame dhimmi jedhu dubbii sobaati, isaan maqaan maqaa Amantaatiin daldalantu kana godha” jedhanii turan.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings