[ad_1]
Weerarri dhibee Busaa Oromiyaa keessatti mul’achaa jiru yaaddoo guddaa ta’ee jira jedhame.
Bookeen Busaa Keemikaala farra Bookee Busaa kana dura ture damdamachuu dandeessu Oromiyaa keessatti mul’achuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.
Amajjii 2022 irraa eegalee godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti weerarri dhibee busaa baballachuun lakkoofsi namoota dhukkuba busaan qabamanii akkaan dabalaa jiraachuu Hogganaa Itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bootoree himaniiru.
Hogganaa Itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bootoree akka jedhanitti, Dhibeen Busaa godinaalee Oromiyaa 12 fi aanaalee 168 keessatti bifa weeraraatiin ka’eera.
Qorannoo ji’oota sadan darban qofa keessatti taasifameen, namoota kuma 600 fi kuma 29 keessaa namoota kuma 100 fi kuma 31 caalaa jechuunis dhibbantaa 21 irratti busaan argameera jedhu.
Dhibbantaan namoota kanaa kan bara darbe waliin walbira qabame yoo ilaalamu namoota ji’a wafakkaataa keessatti dhibee kanaan qabaman kuma 45 hin caalleerraa gara namootakuma 100 fi kuma 31 caalaatti guddachuusaati jechuudha.
Akka naannoo Oromiyaatti ji’oota sadan darban qofa keessatti, namoonni 37 dhukkuba busaan lubbuun isaanii darbeera.
Hogganaa Itti aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Abarraa Bootoree afgaaffii VOA waliin taasisaniin, weerarri busaa saffisa hagana ga’uun baballachuunsaa yaaddoo guddaa uumeera jedhan.
Baballachuu weerara busaatiif akka sababaatti kan isaan kaasan hoogganaan itti aanaa Biiroo fayyaa Oromiyaa, qaamoleen mootummaa fi dameen fayyaa sadarkaa sadarkaan jiran, ittisa dhukkubichaaf qophii gahaa gochuu dhabuu isaaniiti jedhu.
Of eeggachuu dhabuu hawaasaa fi eegumsa qulqullina naannoo hanqachuu, boollawwanii fi qotiisa hojii misooma adda addaatiif qopha’aan sirnaan eegamuu hanqachuu fi bishaan boolla adda addaatti kuufamuu, sochiin sababa hongeetiin bakka tokko irraa gara bakka biraatti taasifamu sababaalee tatamsa’ina weerara dhukkuba Busaa dabalan keessa muraasa ta’uutu himame.
Dabalataanis busaan amma mullate kun kan kana duraarraa adda ta’uu danda’a sodaa jedhu qabaachuu kan himan hoogganaan itti aanaa biiroo fayyaa Oromiyaa, bookeen busaa keemikaala farra bookee busaa kana duraatiin hin duune mullachaa jira jedhan.
Itti aanaa hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Obbo Abarraa Botoree, biirichi yeroo ammaa kana dhukkuba busaa akka weeraraatti ka’eef xiyyeeffannoo laachuun hojjechaa jiraachuu himanii, “Ogeessotni fayyaa keenyaa buufataalee fayyaatti argaman hawaasatti gadi bu’uun nama ho’ina qaamaa agarsiise hunda qorachaa jiru jedhan.
Baroota darban tamsa’inni dhibee busaa hojii ittisaa walitti fufiinsaan hojjatamaa turen xiqqaataa turuu ragaaleen mul’isu.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings