in

Weerarri dhibee busaa, Itoophiyaatti barana mula’ate sanyii bookee busaa yeroo gogiinsaa damdamachuu dandeessuun uumamaa jiraachuun ilbiisa tana to’achuuf qormaata guddaa ta’e jedha New Scientist barruun jedhamu.


Weerarri dhibee busaa, Itoophiyaatti barana mula’ate sanyii bookee busaa yeroo gogiinsaa damdamachuu dandeessuun uumamaa jiraachuun ilbiisa tana to’achuuf qormaata guddaa ta’e jedha New Scientist barruun jedhamu.

 

Waggaa 10 darbe sanyiin bookee tanaa Eeshiyaa irraa gara Itoophiyaa, Sudaan, Somaaliyaa, Yamanii fi Naayijeeriyaatti babal’achuu kaasa barruun kun. 

Magaalaan Dirree Dhawaa qofatti  bona bara 2022 keessa namoonni dhibee kanaan qabaman 200 irraa gara 2400tti ol guddachuu Institiyuutiin qorannoo  Armar Hansan jedhamuu beeksiseera.  

Sanyiin bookee weerartuun Ardii Eeshiyaarraa gara Afrikaa babal’atte bara faranjootaa kana jalqabaa kaasee weerara dhibee busaa Itoophiyaatti hordofsiifte jedha Barruun New Scientist jedhamu.

Bookeewwan busaa bakka bishaan hin jirretti hanqaaquu buusuun   wal horuu hin danda’an. Kan Ilbiisa tanaa garuu adda jedha barruun kun.

Ilbiisni yeroo gogiinsaas damdamattee turuu dandeessu kun biyyoota ollaa Itoophiyaattis babal’achuun dhibee babal’isaa jirti.

Dhibeen busaa Afrikaa gara caalutti sanyii bookee busaa Anoofilas Gambaa’ii jedhamuun tamsa’a. Garuu Baha ardichaatti sanyii Anoofilas Steefensii jedhamuun busaan nama qabu lafa qabachaa dhufe. 

Babal’achuun dhibee busaa sanyii bookee tanaan dhufuu amala gogiinsa damdamachuu isheerraa ka’ee to’achuuf qormaata ta’e jedha qorannoon. Dhibeen busaa Afrikaatti waggaatti namoota 627,000  ajjeesa.

Anoofilas steefansii hanqaaquu ishee kan buuftu bishaan keessatti yoo ta’u wal horuuf immoo dhiiga sooratti.  Sanyiin bookee tanaa Afrikaatti jalqaba bara 2012 Jibuutiitti argame. Yeroo sana Jibuutiin dhibee busaa balleessuuf jala geessee turteeyyu. Amma namoonni dhibee kanaan biyyattii keessatti waggaa waggaan qabaman kumaan lakkaawamu jedha gabaasi kun. 

Waggaa 10 darbe sanyiin bookee tanaa Eeshiyaa irraa gara Itoophiyaa, Sudaan, Somaaliyaa, Yamanii fi Naayijeeriyaa babal’achuu kaasa barruun kun.   

Magaalaa Dirree Dhawaa qofatti  bona bara 2022 keessa namoonni dhibee kanaan qabaman 200 irraa gara 2400tti ol guddachuu  qondaallii  Institiyuutii qorannoo  Armar Hansan jedhamuu Fitsum Taaddasaa beeksiseera.

Weerarri kun hammaachuu malee sabaabni qorannoon barre hin jiru jedha qondaalli Inistitiyuutii qorannoo kanaa. Kanaaf itti seennee qorachuu murteessuu qabna jennee seenne jedha. 

Bu’aa qorannoo Waxabajjii darbe arganneen Anoofilas Steefansiin sanyii jedhamuun wal qabachuu barre jedha. Bu’aa qorannoo gareen qorannoo argate keessaa harki 97 sanyii Anoofilas Steefansii ti jedhe.

Namoonni konteenara kuusaa bishaanii waliin jiraatu. Ilbiisonni achirratti hanqaaquu hanqaaqu. Warri kun marsaa sadi irra deddeebiin yoo qorataman irri caalaan isaanii carraan dhibee kanaan qabamuu isaanii olaanaa dha jedha Fitsum.

Fistum argannoo kana kan dhiyeesse walgahii Sadaasa 1, 2022 American Society of Tropical Medicine and Hygiene Siyaatil keessatti taa’ame irratti.

Anoofilas steefensiin hanqaaquu ishee kan buusuu filattu Kontaanaroota kuusaa bishaanii fi bishaan ciisee jiru irratti. yeroo gogiinsaa damdamattee turuu dandeessi.

Waqtiin weerara dhibee busaa ji’oota sadi ture amma gara ji’oota 12tti ol guddachuu kan eeru Yunivarsiitii Kaartum irraa Ayman Ahmad. Dhibee kana  qolachuuf qabeenya guddaa gaafata. Haalli jiru balaafamaa dha jedha. 

Itoophiyaan asiin dura imaammata dhibee dursanii ittisuu hordofaa turte. Keellaa fayyaa dabalatee dhaabbileen fayyaa sadarkaa duraa babal’achuun dhibee bifa weeraraan ka’u dabalatee dhibee baay’ee dursanii ittisuun milkaawaa turte. Babal’ina tajaajila fayyaa sadarkaa duraatiin Afrikaa irrattis fakkeenyummaan maqaan ishee ka’aa ture. Waggoota dhiyoo as garuu goolama nageenyaa biyyattii mudateen tajaajilli fayyaa bu’uuraa kun xiyyeeffannaa dhabuutu himama. Weerarri dhibees hammaachaa jira. 

Guyyootuma 2 dura Biiroon eegumsa fayyaa Oromiyaa Godinaalee Shawaa Bahaa, Iluu Abbaaboor, Jimmaa, Wallagga Lixaa, Wallagga Bahaa, Qeellam Wallaggaa, Baalee Bahaa, Gujii Lixaa fi Arsii Lixaa keessatti dhibeewwan daddarboon bifa weeraraan ka’uu beeksisee ture.

Dhibeewwan daddarboon bifa weeraraan ka’an kunneenis Busaa, Gifiraa fi Koleeraa ta’uu himee jira Biiroon kun.  Kibbaa fi kibba baha Oromiyaattimmoo weerarri dhibee koleeraa hammaachaa dhufuu gabaasaa turre.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Rights bodies urge effective transitional justice in wake of Ethiopia peace agreement

News: Nine priests abducted by militants since last week remain missing in North Shewa, Oromia Region