in

WBOn ajjeechaa naannawaa Gimbiitti raawwatame cimsee balaaleffate. – OMN


WBOn ajjeechaa naannawaa Gimbiitti raawwatame cimsee balaaleffate.

 

Waraanni Bilisummaa Oromoo ajjeechaa suukkaneessaa naannawaa Gimbii ganda Tolee jedhamutti namoota nagaa irratti raawwatame cimsee balaaleffateeti jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, mootummaan yakkicha WBOtti qabachuuf olola maqa balleessii ofaa jiraachuu hime.

Haata’uutii garuu WBOn ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwatee bu’aan siyaasaas ta’e kan loltummaa argatu hin jiru kan jedhe WBOn,  inumaa WBOn haleellaa namoota nagaa irratti humnoota mootummaan raawwatamu uummata irraa qoluuf qabsootti jirra jedheeti jira.

Mootummaan ajjeechaawwan suukkaneessoo raawwatee Waraana Bilisummaa Oromootti qabachuu har’a hin jalqabne kan jedhu ibsichi, booda irra dhugaan jiru kan bahe mootummaan Abbootii Gadaa Karrayyuu fixee WBO maqaa balleessuuf yaaluun fakkeenya yeroo dhihoo akka ta’e eereeti jira.

Taateen Toleetti ta’es kana irraa adda akka hin taane himee, ajjeechaa kana garee milishaa mootummaan bobbaase Gaachana Sirnaa jedhamutu raawwate jedhe.

Mootummaan yakka naannawaa sanatti raawwatu dhoksuuf akka qaamoleen walabaa bakkas hin geenye dhorkaa jiraachuu WBOn himeeti jira.

Gochaa suukkaneessaa mootummaan uummata nagaa irratti raawwataa jiru qaamoleen walabaa akka qorataniifis Waraanni Bilisummaa Oromoo waamicha dhiheessee jira.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

INVITATION FOR BID The International Rescue Committee (IRC)

China-Horn of Africa Peace, Dev’t Conference Kicks off Addis Abeba | Satenaw: Ethiopian News