[ad_1]
Warri kunis akkuma dur TPLF gochaa ture diraamaa hojjataa jiru jedhan jiraattonni godina Shawaa Lixaa.
Mootummaan toftaa moofaa uummata dirqiin hiriira baasuu fayyadamaa jira jedhan jiraattonni.
Jiraattonni godina Shawaa Lixaa har’a OMNf yaada isaanii kennan, humnootiin mootummaa tokkoon tokkoon mana namaa irra deemanii hiriira akka bahu dirqamsiisu jedhan.
Hiriira irraa hafnaan tarkaanfiin akka irratti fudhatamu eeranii, lubbuu keenyaaf jecha hiriira itti hin amanne keessa dhaabbachuuf dirqamnee jedhan.
Toftaan kun bara olaantummaan TPLF tures akka ture eeranii, toftaan akka kanaa bara sanayyuu TPLF kufaatii irraa hin oolchine jedhan warri yaada kennan.
Hiriirri tibba kana aanaalee godina Shawaa Lixaa muraasa keessatti mul’ate diraamaa mootummaan hojjatu, waan lafa irra jiru hin jijjiiru jedhaniiti jiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatiin uummanni keenya dhugaa lafa jiru ni beekaa jedhe.
Uummanni bilisummaa isaa gonfachuuf waan danda’amuun waraana isaa tumsaa jiraachuu eeree, diraamaan mootummaa injifatamuu mootummaa, uummannis mootummaa hadheeffatee jibbuu fi haqa lafa irra jiru kan jijjiiru akka hin taane beeksiseeti jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings