in

Warraaqsa qeerroo Oromoo fi hiriira guddicha Oromoo kan Hagayya 2016 waliin kan maqaan isaanii ka’u Obbo Hirkoo Ayyaanaa Jimaata darbe boqochuun, sirni awwaalchaa isaanii kaleessa raawwatame.


Warraaqsa qeerroo Oromoo fi hiriira guddicha Oromoo kan Hagayya 2016 waliin kan maqaan isaanii ka’u Obbo Hirkoo Ayyaanaa Jimaata darbe  boqochuun, sirni awwaalchaa isaanii kaleessa raawwatame.

 

Obboo Hirkoon hiriira guddicha Addabaabaayii Masqalaatti Hagayya 6 bara 2016 adeemsifame irratti poolisoota sirnichaan reebamanii wayita kufan mul’atu.

Qabsaa’aan kun osoo Oromiyaa keessatti dhiigni  lammiilee dhangala’uu dhaabbatee nagaan akka bu’u hawwanii boqotan jedhu maatiin. 

Obbo Hirkoon kan boqotan sababa dhibee isaan mudateen yoo ta’u, qabsoo Oromootiif gatii kaffalanitti nama  boonan jedhu maatiin isaanii.

Obbo Hirkoo Ayyaanaa Abbaa isaanii Giraazmaach Ayyaanaa fi haadha isaanii Aadde Kiliilee Bashaa irraa bara 1934 ALI  godina Wallagga Bahaa aanaa Diggaatti dhalatan.

Umriin isaanii akka barnootaaf gaheen gara Finfinnee deemuun barnoota isaanii sadarkaa tokkoffaa Mana barumsa  Madihaanalamii Sadarkaa 1ffaatti  kutaa 1-8 baratan.  Barnoota isaanii sadarkaa 2ffaa immoo Mana barnootaa Sibistee Nagaasiitti xumuran.  Fedhii guddaa barnoota olaanaaf waan qabaniifis itti aansuudhaa Kolleejjii Hojii Daldalaa Finfinnee seenanii barachuun dippiloomaan eebbifaman. 

Obbo Hirkoo Ayyaanaa bara 1965 haadha warraa isaanii aadde Zannabachi Fiqaaduu waliin bultii ijaarratan. 

Bara 1959 A.L.I kaasee Korporeeshinii telekominikeeshinii Itoophiyaatti qacaramuun waggoota 33’f tajaajilanii jiru.  

Yeroo sanatti cimina hojii keessatti agarsiisaniin waldaa hojjettootaan filatamanii biyya Raashiyaatti leenjiif ergamanii waggaa tokkoof baratanii deebi’anii jiru. 

Umriin isaanii sooramaaf yeroo gahettis soorama bahanii jiru jedha seenaan jireenyaa isaanii.

Obbo Hirkoo Ayyaanaa wal’aansoo diddaa Oromoo keessatti nama gatii guddaa kaffalan ta’uu seenaan isaan yaadata. Diddaa bulchiinsa wayyaanee irratti godhame keessatti qooda hin dagatamne gumaachan. 

Maanguddoo ta’uun hiriira guddicha Hagayya 6, 2016 magaalaa Finfinnee Addabaabaayii Masqalaatti godhame  irratti hirmaachuu irraa isaan hin hambifne.

Kutannoo fi gootummaan humnoota sirnichaa fuuldura dhaabbachuun haqa Oromoof falman.

Humnoonni mootummaa hiriiricha bittinsuuf tarkaanfii humnaa guyyaa sana fudhataniin hiriirtota heddutu miidhame.

Gaaf sana haleellaan hidhattoota mootummaatiin obboo Hirkoo Ayyaanaa irra gahes hin irraanfatamu.

Obboo Hirkoon rukutamanii kufan. Deebisanii ka’uuf wayita jedhan poolisiin saggoo isaanii uleen rukutee deebisee wayita kuffisu viidiyoon guyyaa sana waraabame ni mul’isa.

Sadarkaa maanguddummaa sanattillee haqa Oromoof aarsaa kafaluu irraa ofduuba hin jenne obbo Hirkoon.

Miidhama yeroo san isaanirra gaherraa guutumatti akka damadamatanii turan garuu maatiin OMN’tti himanii jiru. 

Obbo Hirkoon yoomillee gatii qabsoo Oromootiif kaffalanitti kan boonaa turan akka ta’an yaadachiisu maatiin isaanii. 

Haa ta’uu malee hanga guyyaa  boqotaniitti goolamni Oromiyaa keessaa dhagahaa turan akka boqonnaa isaan dhowwaa ture himu maatiin.  

Wal ajjeechaa fi buqqaatii Oromiyaa keessaa dhagahaa turanitti osoo gaddanuu boqotan.

Hanga afuura dhumaa baafatanittis Oromiyaa keessatti walwaraansi fi dhiigni qulqullootaa dhangala’uu dhaabbatee nagaan akka bu’u hawwii olaanaa qabu turan jedhu maatiin isaanii. 

Dhibee isaan mudateen hospitaalota garaagaraatti waldhaanamaa erga turanii Jimaata darbe Onkololeessa 28,  2022 umrii isaanii 81’tti addunyaa kanarraa du’aan boqotanii jiru. 

Sirni Awwaalcha isaanii Dilbata kaleessaa Finfinnee Bataskaana Abboo Saarisitti raawwatame.

Obbo Hirkoo Ayyaanaa abbaa ilmaan dhiiraa 3 fi shamarran 2 tyran.

Ijoollee ijoollee isaanii  (akaakileewwan) 9s arganii jiru. 



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Mariin Mootummaa Itoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay jiddutti adeemsifamaa jiru gufachaa jiraachuu dippiloomaatonni himaa jiru. – OMN

Former Ethiopia, Ghana Presidents Share Experiences to African Youth Summit – Satenaw: Ethiopian News