in

Warra Jaarsootti humnootiin mootummaa namoota nagaa ajjeesuu fi manneen uummataa gubuu itti fufan jedhame. – OMN


Warra Jaarsootti humnootiin mootummaa namoota nagaa ajjeesuu fi manneen uummataa gubuu itti fufan jedhame.

Ajjechaa suukkanneessaan godina Shawa Kaabaa aanaa Warra Jaarsootti raawwatame booda hidhaa fi dararaan gandoota baadiyyaa aanaa Warra Jaarsootti hammaachuu jiraattonni himan.

Godina Shawa Kaabaa aanaa Warra Jaarsootti guyyoota muraasa dura qonnaan bultoota nagaa baay’inaan 15 ol ta’aan mana cidhaatii qabanii erga hidhanii booddee ajjeechaan suukkanneessaan irratti raawwatamuu hordofuun kaleessa ganamas namoonni nagaa 8 mana hidhaatii baafamanii ajjeefamanii jiru jedhan jiraattonni.

Yakka ajjechaa kana kan raawwatan humnootii nageenya mootummaa yoo ta’an, haleellaan kun namoota nagaa tuttuqaa siyaasaa hin qabnee fi qonnaan bultoota Oromoo, dargaggootaa fi barattoota irratti kan xiyyeeffate ta’uu maddeen keenya ibsaniiru.

Namootni ajjeefaman mana hidhaatii baafamuun gara bosonaa erga geeffamanii booda, rasaasa qaamoleen mootummaa itti dhukaasanii kan ajjeefaman yoo ta’an, reeffi namoota ajjeefaman kanneenii akka hin kaafamneef maatiin irraa ittifamaa erga turanii booda, kaleessa waaree booda jaarsummaatiin kaasuu maddeen keenya himan.

Ajjechaa kana booda, hidhaa fi dararaan jiraattota aanichaa irratti jabaachuu kan himan namoonni OMN dubbise, bulchiinsa gandootaa fi waajjira poolisiitti namootni nagaa guuramaa jiraachuu odeeffanneerra.

Ajjeechaa raawwatamuun ala manneen qonnaan bulaas aanaa Warra Jaarsootti humnoota mootummaan gubataa jiraa jedhameera.

Dhihoo kana manneen 40 caalaan kan gubatan yammuu ta’u, kaleessas ganda Boobee Liiban jedhamutti manneen qonnaan bultoota 4tu humnoota mootummaan gubatee jedhu jiraattonni.

Sababiin isaa immoo ijoollee keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira, ijoollee keessan galchaa kan jedhu akka ta’e odeeffanneerra.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

DPM & FM Demeke Urges Ethiopians to Emulate Proud History of Patriots

Maintaining Peace, Unity of Ethiopia Rests on this Generation: President Sahle-Work