Warra Jaarsootti ajjeechaan namoota nagaa itti fufuu jiraattonni dubbatu.
Godina Shawaa Kaabaa aanaa Warra Jaarsootti ajjeechaan humnoota mootummaan namoota nagaa irratti raawwatamu itti fufe jedhu jiraattonni.
Jiraattonni akka OMNtti himanitti, kaleessa humnoonni mootummaa namoota nagaa ajjeesanii qilee mana barumsa Qarree Gohaa cinaatti argamutti darbatan.
Namoonni ajjeefaman mana hidhaatii baafamuu himaniiti jiru.
Gandoota Dhaayee Tuutii, Qacamee fi Jamoo Tuutii jedhaman keessaa namoota jumlaan qabanii eessa akka jiran hin beekamu kan jedhan jiraattonni, warri ajjeefame warruma kana ta’uu danda’a sodaa jedhu akka qaban ibsaniiti jiru.
Dhihoo kana aanaa Warra Jaarsootti humnootiin mootummaa namoota 18 caalaa mana cidhaatii qabanii rashanuun ni yaadatama.
GIPHY App Key not set. Please check settings