in

Waraanni mootummaan naannoo Amaaraa Oromoota Walloo irratti bane guyyaa 7ffaaf itti fufe. – OMN

[ad_1]

Waraanni mootummaan naannoo Amaaraa Oromoota Walloo irratti bane guyyaa 7ffaaf itti fufe.

 

Walloo har’allee rakkoo keessa jirtii jedhan jiraattonni aanaa Harxummaa Fursee.

Humnoonni Faannoofi liyyuu hayiliin Amaaraa, Shawa roobitirraan Wallo seenanii haleellaa raawwachuu waan itti fufanii jiraniif, ammallee tasgabbiin akka hin bu’in jiru maddeen OMN’tti himaniiru.

Lola guyyaa torbaffaaf itti fufe kanaan yoo xiqqaate lubbuun nama dhibbaafi digdamaa olii darbeera jedhan jiraattonni.

Hidhattoonni Faannoo Goojjamii fi Gondar irraa konkolaataa hedduun gara Wallootti fe’amaa jiraachuus OMN odeeffate.

Amajji 20, 2023 jechuunis torban har’aa ture, uummata Oromoo Walloo irratti waraanni guddaan kan baname.

Lola qinda’aa hidhattoonni Faannoofi liyyuu haayiliin Amaaraa wal ta’uun banan kun, lola sabummaarratti xiyyeeffateefi Godina aaddaa saba Oromoo Walloo diiguuf kan kaayyefate ta’usaa qondaalota mootummaa dabalatee dhalattoonni Walloo OMN-tti himaa turaniiru.

Walitti fufiinsaan lolli halkan torbaaf adeemsifame kun ganda baadiyyaa Aanaa Jiillee Dhummuugaa keessatti kan eegale ta’us, turtii guyyaa tokkoo keessatti aanaalee Godinichaa hedduu keessatti bifa tarsimoo waraanaa qabuun ajaja mootummaatiin qonnaan bultootarratti baname.

Poolisiin Liyyuu haayilii Amaaraafi mootummaan naannichaa nageenya jiraattota naannichaa eegsisuun dirqamasaa ta’ee osoo jiruu, dhalattoota Walloo qofaatti adda foo’uun maqaa ‘Waraana Biliisummaa Oromoo qulqulleessuu’ jedhuun  isaan haleeluurratti xiyyeeffate.

Miidiyaaleen mootummaa naannichaa osoo hin hafin, yakka duguuggaa sanyii Oromoo naannichatti labsan jechuun jiraattonni godinichaa himataniiru.

Dhalattoonni Walloo qofaatti adda baafamuun ajjeefamaa jiru kan jedhan maddeen, hanga ammaatti yoo xiqqaate namoonni dhibbootaan lakka’aman ajjeefamuufi gariin ammoo miidhaa ulfaataaf saaxilamanii yaala dhabuu isaanii himu.

Hidhattootni Faannoofi poolisiin liyyuu haayilii wal ta’uun meeshaalee waraanaa gurguddaatiin ammallee Gondariifi Goojjamirraa gara keenyatti bobbaafamaa jiru jedhu jiraaataan aanaa Harxummaa Fursee OMN dubbise.

Humnoonni kun ajajaaafi loojistikii mootummaa naannootiin waan socho’aniif qaamolee nageenyaa federaalaarra dhufuun godinicha keessa jiran illee dhaga’uu hin dandeenyee jedhu.

Xumurarrattis mootummaan federaalaafi dhaabbileen mirga namoomaa akka isaan qaqqabu gaafatanii, uummanni Oromoo marti akka burmatu gaafataniiru.

 

 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Walqixxmmaa fi bilisummaa uummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo jabaa taasisuun isaanii kan dubbatamu Koloneel Hajii Mahaammad Quxxaa Dambii addunyaa kana irraa du’aan boqatan.

News: No other security forces in Tigray except Federal, army tells Military Attachés, AU reps and other diplomats – Satenaw: Ethiopian News