in

Waraanni Mootummaa uummata nagaa dararuun jabaatee itti fufeera jedhame.  – OMN

[ad_1]

Waraanni Mootummaa uummata nagaa dararuun jabaatee itti fufeera jedhame. 

Qabeenya hawaasaa saamuu, gubuufi barbadeessuu waraanni mootummaa akka tarsiimootti fayyadamaa jiraachuutu ibsame.

Godina Harargee Lixaa aanaa Cirootti qabeenya qonnaan bultootaa saamuufi gubuu maddeen himan.

Aanaa Ciroo Araddoota akka Najaabaasiifi Sheek Adam jedhaman  keessatti humnoonni mootummaa manneen uummataa gubuufi dararaa garaagaraa raawwachaa jiraachuu jiraattotatu OMNtti hime.

Araddaa Sheek Adam keessatti dubartii ulfaa Caaltuu jedhamtu irratti reebichaafi saamicha raawwataniiru jedhu jiraattonni.

Caamsaa 22, 2023 araddaa Sheek Adam keessatti aaddee Caaltuu irratti reebicha ulfaataa  raawwachuun ulfa garaa baasuufi miidhaa qaamaafi qalbiif saaxilamtee jiraachuu maddeen himan. 

Qabeenya dubartii kanaa saamuu fi barbadeessuus jiraattonni ni dubbatu.

Namoota biroo qabeenyaafi mana jalaa gubuun barbadeessan keessaa Aliyyii Hasanee, Kadijjaa Hasanee, Suufii Adamee, Maammad Adamee, Buzunaa Garramuu kanneen jedhaman akka argaman eeraniiru.

Haalli nageenya naannicha jiru akkaan yaaddessaa ta’uu maddeen himan. 

Waraanni mootummaa kunneen namoota gabaa deeman saamuun jiraattonni daldalarratti bobba’uuf jireenya isaanii geggeeffatan danqamanii jiraachuun dhaga’ameera. 

Waraanni mootummaa mooraa mana barnootaa Gannoo jedhamu keessa buufatanii jiran jiraattota irratti miidhaa kana geessisaa jiraachuu jirrattonni himatu.

Waraanni mootummaa mooraa mana barnootaa Gannoo keessa eega buufatanii as adeemsi baruufi barsiisuullee rakkoon mudachuu himu. 

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

IBSA EJJENNOO  BAKKA BUUTOTA KIRISTAANOTA GODINA BUUNNOO BEDDELLEE – OMN

Baqattoonni Oromoo Sudaan jiran erga waraanni humna ittisaa biyyichaa fi humna dafee qaqqabaa gidduutti ka’ee rakkoo keessa jiraachuu himan. – OMN