[ad_1]
Hayyoonni Oromoo waraanni Oromiyaa irratti labsame waraana WBO irratti labsame qofa osoo hin taane waraana qabsoo bilisummaa Oromoo fi Oromummaa irratti banameedha jedhan.
Hayyuun seenaa piroofeesar Isqi’eel Gabbisaa, hayyuun falaasamaa fi geggeessummaa doktar Huseen Kadiir fi barsiisaan saayiinsii siyaasaa doktar Milkeessaa Miidhagaa turtii OMN waliin taasisaniini kana kan jedhan.
Bu’aan waraana kana irraa argamu biyya diiguu fi dhiiga lammilee dhangalaasuu akka ta’e ibsanii jiru.
Hayyoonni Oromoo Piroofeessar Isqi’eel Gabbisaa, doktar Huseen Kadiir fi doktar Milkeessaa Miidhagaa xiinxaala sagantaa OMN Gaaddisa Raabaa Doorii irratti kennaniin “waraanni Oromiyaa irratti labsame dhimma Waraanaa Bilisummaa Oromoo qofa osoo hin taane dhimma eenyummaa Oromooti” jedhan.
Hayyuun falaasamaa fi geggeessummaa doktar Huseen Kadiir “Waraanni lixa fi kibba Oromiyaatti adeemsifamaa ture. Hidhaan, ajjeechaa, reebichii fi saamichi waggoota afran darban ummata Oromoo irratti taasifamaa ture. Waraannni osoo hin labsamin adeemsifamaa ture.” jedhan.
Waraanni amma Oromiyaa irratti labsame ammoo waraana humnoota alaa fi keessoo hirmaachisee labsamee dha kan jedhan doktar Huseen Kadiir, “Oromiyaa irratti lola labsuun ibidda hin dhaamne qabsiisuudha” jedhan.
Oromiyaan nagaa yoo hin argatin Itoophiyaan nagaa argachuu hin dandeessu kan jedhan hayyuun falaasamaa fi geggeessummaa doktar Huseen Kadir waraanni Oromiyaa irratti labsame waraana biyyattii diiguu danda’uudha jedhan.
Kolleejjii Mishigaan Albiyoonitti saayinsii siyaasaa kan barsiisan doktar Milkeessaa Miidhagaa immoo “Waraanni Oromiyaa irratti labsame, waraana WBO qofa irratti labsame osoo hin taane waraana qabsoo bilisummaa Oromoo akkasuma waraana Oromoo fi Oromummaa irratti labsameedha” jedhan.
Waggootaaf waraanni jibba Oromummaa irratti hundaa’e adeemsifamaa ture kan jedhan doktar Milkeessaa Miidhagaa rakkoo siyaasaa waraanaan furuuf yaaluun qarooma biyyatti ta’ee jira jedhan.
Hayyuun seenaa Piroofeesar Isqi’eel Gabbisaa gama isaaniitiin “waraanni Oromiyaa irratti labsame waraanaa sirna moofaa deebisuudhaaf labsameedha. Mootummaan kun hundee isaa irraayyuu mootummaa dantaa Oromoo eeguu miti” jedhan.
Kayyoo fi akeekni waraana kanaa Oromummaa baleessanii biyya alaabaa, afaanii fi amantii tokko qabdu ijaaruun bara olaantummaa saba tokkoo deebisuudha jechuun ibsanii jiru.
Waraanni tumsa humnootaan Oromiyaa irratti labsame kun garee tokko gammachiisuuf kan labsame ta’u kan ibsan hayyoonni kunniin, mootummaan naannoo Oromiyaa ammoo meeshaa siyaasaa ministira muummeeti jedhanii jiru.
Humni waraanaa mootummaa Itoophiyaa sadarkaa Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu danda’u irraa akka hin jirre kan ibsan hayyoonni kunniin, Waraanni Bilisummaa Oromoo sadarkaa baduu hin dandeenye irraa akka jiru eeranii jiru.
Bu’aan waraana kana irraa argamu biyya diiguu fi dhiiga lammilee nagayaa dhangalaasuu akka ta’es ibsanii jiru.
Dhalattoonni Oromoo raayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa fi rippaablikaan gaardii keessa jiran akkasuma humni addaa, milishaa fi poolisiin Oromiyaa waraana Oromiyaa fi Oromummaa dhabamsiisuuf labsame kana irraa qooda fudhachuu irraa akka of qusatan waamichi hayyoota kanneeniin dhiyaatee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo humnoota waraanaa tumsaan itti bobbaafaman qolachuun injifannoo gonfataa jiraachuu ibsee jira.
Mootummaan biltsiginnaa gama isaatiin duula ammaa kanaan bu’aa gaarii argataa akka jiru hima.
Bu’aa gaarii argataa jiru garuu bal’inaan hin ibsine.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings