[ad_1]
Waraanni Bilisummaa Oromoo zooniin giddugaleessaa miseensota waraanaa haaraa leenjise eebbise.
Raadiyooniin Arraata Biyyaalessaa akka gabaasetti waraanni haaraan lakkoofsaan heddu ta’e dheengadda Shawaa Lixaatti eebbifameeti jira.
Warri ammaa kun leenjii waraanaa fi siyaasaa walitti fufiinsaan erga fudhataa turee booda eebbiafamuu WBOn beeksiseeti jira.
Gola Oromiyaa maratti miseensota waraanaa haaraa leenjisaa akka jiru kan hime WBOn, dirree waraanaattis injifannoo olaanaa galmeessaa akka jiru beeksiseera.
Qabsaa’onni WBO gootummaa, kutannaa fi bilchinaan qabsoo qindaawaa adeemsisaa jiraachuu eeree, warri amma bakka garaagaraatii leenji’ee eebbifamaa jiru humna qabsoo sadarkaa olaanaatti ceesisu dha jedhe.
Sirna eebbaa irratti ajajoonni olaanoon WBO fi uummanni argamuutu gabaafame.
Ajajoonni olaanoon wayituma kana haasaa taasisaniin yeroo murteessaa waraanni Oromiyaa irratti labsametti eebbifamtan jedhaniin warra eebbifameen.
Duula mootummaan Oromoo fi Oromiyaa irratti labse gamtaan fashalsiifna jedhaniiti jiru.
WBOn tibba kana zoonii kibbaattis waraana haaraa heddu eebbisuun ni yaadatama.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings