Waraanni Bilisummaa Oromoo loltoota heddu haaraa leenjise eebbisiise.
WBOn akka jedhetti, eebbi kun Dilbata darbe Zoonii lixaatti raawwatame.
Loltoota WBO kumaan lakkaa’aman leenjii loltummaa fi siyaasaa yeroo dheeraaf fudhatantu eebbifamee jedhe WBOn.
Qondaalonni Waraanaa WBO sirna eebbaa sana irratti argaman WBOn humna jabaa sabaaf gaachana ittiin ta’u horatee jiraa jedhan.
WBOn dandeettii loltummaa fi baay’ina waraanaan sadarkaa olaanaa irra jiraachuu eeranii, humni haaraa leenji’ee bahe imala qabsoo akkaan kan saffisiisu ta’uu dubbataniiru qondaaltonni waraanichaa.
Humnoonni mootummaa bakka heddutti Waraana Bilisummaa Oromoo dandamachuu dadhabanii olaantummaan WBO akka jiru eeranii, olaantummaa kana daran cimsuun akka barbaachisu himaniiti jiru.
Uummanni Oromoo bakka maratti waraana isaa cimsachuu akka qabus ajajoonni WBO dhaamsa dabarsaniiti jiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings