in

Waraanni Bilisummaa Oromoo humnoota mootummaa irratti tarkaanfii fudhataa akka jiru beeksise. – OMN

[ad_1]

Waraanni Bilisummaa Oromoo humnoota mootummaa irratti tarkaanfii fudhataa akka jiru beeksise.

 

WBOn Kaaba Lixa Shaggar Salaalee aanaa Warra Jaarsootti ganda Faajjii Ejersaa iddoo addaa Ejersa jedhamutti guyyaa sadii dura haleellaa humnoota mootummaan bobbaase irratti raawwateen ajajoota lamaa fi dhukaastota dishqaa sadii dabalatee loltoota hedduun ajjeesuu WBOn beeksiseeti jira.

Loltoonni mootummaan bobbaase hedduunis madaa’uutu ibsame.

Gama biraatiin WBOn Lixa Shaggar godina Shawaa Lixaa aanaa Jalduu magaalaa Boonii seenuun humnoota mootummaa waliin walwaraanuutu himame.

Lola galgala sa’aatii 11 hanga 2tti tureenis humnoota mootummaa irraan hubaatii cimaa geessisuu WBOn beeksiseera

Bifuma walfakkaatuun WBOn lixa Shaggar godina Shawaa Lixaa aanaa Ilfataatti buufataawwan waraana mootummaa irratti tarkaanfii fudhachuun dhagahame.

Waraanni Bilisummaa Oromoo akka jedhetti tibbana tarkaanfiin kan irratti fudhatame kaampiilee waraanaa Dirree Bareedaa, Kamisaa, Shangannee fi Bitaachaa jedhaman irratti.

Haleellaa kanaan loltoota mootummaa irra hubaatiin gahuu WBOn hime.

Aanaa Tokkee Kuttaayettis humnoota mootummaan bobbaase irratti tarkaanfii fudhatameen humnoota mootummaa irra hubaatiin gahuu beeksiseera.

Aanaa Amboo ganda Xuleetti walwaraansa WBO fi humnoota mootummaa gidduu tureen immoo loltoonni mootummaa 9 ajjeefamuu fi 7 madaa’uu WBOtu hime.

Lola bakkeewwan garaagaraatti WBO waliin taasifame kana ilaalchisuun hanga oduun kun qindaa’etti mootummaan waan jedhe hin qabu.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

International Rescue Committee – Capital Newspaper

Global Islamic Financial Services Keen on Exploring Opportunities for Equity Investment in Ethiopia – | Satenaw: Ethiopian News