Walwaraansa TPLF fi Bilxiginnaa gidduutti adeemaa jiru sababeeffachuun, dhaabbilee barnootaa olaanoo waggaa tokkoo oliif adeemsa baruufi barsiisuu adda kutanii turan keessaa Yuunvarsiitiin Waldiyaa isa tokko.
Adeemsi baruufi barsiisuu Yuunvarsiitii Waldiyaa waggaa tokkoo oliif erga adda citee booda, bara 2014 ji’a 7ffaa keessa, erga magaalittiin humnoota mootummaa Itoophiyaan deebitee qabamteetii barattoonni akka gara mooraatti deebi’an taasifamee ture.
Yuunvarsiitichis barattootasaa mooraatti deebisuun, barnoonni erga itti fufee booda, tibba kana qormaata xumuraa Semisteera 2ffaa kennaa utuu jiruu waraanni marsaa 2ffaa eegalame jedhu Barattoonni OMN’f yaada kennan.
Yeroo ammaa kana ammoo waraanni TPLF marsaa 2ffaaf magaalattii seenaa waan jiruuf, Barattooti Yuunvarsiitii Waldiyaa kan idileefi gannaa, barsiisotiifi hawaasni Yuunvarsiitii Waldiyaa mooraa gadi dhiisanii akka baqatan taasifamuu himan. BarataanOromoo yeroo ammaa kana mooraa Yuunvarsiitii Waldiyaarraa baqachuun daandii gubbaa jiru OMN-tti akka himetti, qormaata xumuraa kan simisteera 2ffaa fudhachuuf qo’ataa osoo jiranii har’a ganama bariitiin, Toa’attooti kutaa ciisicha Barattootaa Yuniversiitichaa kutaa ciisicha isaaniirra adeemuun barataan hundi waan qabu fudhatee akka ba’uuf itti himuu ibse.
Ergasii hawaasni Yuunvarsiitichaa hundi meeshaasaa fudhachuun miilaan karaa eegaluu hima. Maallaqa baafachuuf Baankiin hundi cufaadha, Maashinni ATM magaalattii keessa jiru martis hojii dhaabee ture kan jedhu barataan kun, filannoon qabnu miilaan baqachuu qofa ture jedha. Yeroo Oduun kun qindaa’etti Kiilo meetira 30 imaluun magaalaa Marsaa qaqqabanii jiraachuus himeera.
Maallaqa waan of harkaa hin qabneef, beelaafi dheebuun isaan miidhaa jiraachuu kan ibsu barataan kun, baayyinni namoota karaarra jiranii kuma 15 hanga kuma 20tti akka tilmaamamu dubbata. Bakkeewwan adda addaatti hawaasni magaalichaa sodaa keessa waan galaniif, barattoota waliin baqachaa jiraachuu ibsuun, deeggarsi uummataafi mootummaa akka isaan barbaachisu dhaammataniiru. “Magaalaan Qobboo humnoota TPLF’n qabamuu akkuma dhageenyeen akkasumas sagaleewwan dhukaasa gurguddaa guyyaa kaleessaa dhaga’aamaa ture sodaannee, Bulchiinsi Yuunvarsiitii Waldiyaa fala akka nuuf barbaadu gaafannee turre” kan jedhan baratooti OMN dubbise kun, bulchiinsi Yuunvarsiitichaa garuu guyyaa kaleessaa rakkoon homtuu hin jiru waan nuun jedheef dursinee qophaa’uuf hin dandeenye jedhu.
Barattoonni utuu hin qophaa’in, Yuunvarsiitiinis Geejiba homaatuu otoo nuuf hin mijeessin, har’a ganamaan akka tasaa bahaa waan nuun jefhaniif, gara itti adeemnu wallaallee burjaajii keessa seenne jedhu. Mootummaan Naannoo Oromiyaa yoo xiqqaate geejjiba ergee barattoota Oromiyaarraa garas bobbaane gara Oromiyaatti akka nu deebisu barbaanna, haala amma jiruun nu sodaa nageenyaa jabaa qabna jedhu barattoonni kunniin. Mootummaan Federaalaa kaleessa ibsa baaseen Humnoonni TPLF lakkoofsa guddaan magaalaa Qobboo to’achuuf haleellaa bananii jiraachuu ibsuun, waraannisaa “gaaga’ama namoomaa hambisuuf jecha” magaalattii gadi lakkisee ofirra deebi’aa jiraachuu ibsuun ni yaadatama.
Lola har’as itti fufiinsaan geggeeffamaa ooleen ammoo,humnoonni TPLF magaalaa Waldiyaatti marsuu isaanii himu maddeen odeeffannoo OMN. Hawaasni toora lolli kun geggeeffamurra jiru waraana marsaa duraatiin gaaga’ama namoomaa hamaatiif kan saaxilame wayita ta’u, lolli marsaa lammaffaa tibbana eegalame kun ammoo gaaga’ama kana hammeessuu akka malu sodaatameera.
GIPHY App Key not set. Please check settings