Walqixxmmaa fi bilisummaa uummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo jabaa taasisuun isaanii kan dubbatamu Koloneel Hajii Mahaammad Quxxaa Dambii addunyaa kana irraa du’aan boqatan.
Sirni awwaalcha isaaniis magaalaa Nageelleetti raawwatameera.
Oromiyaa kibbaa Gujii Dheedda Waadaraatti bara 1928 abbaa isaanii obbo Quxxaa Dambii fi haadha isaanii aaddee Ruufoo Baanataa irraa dhalatan.
Gameessi kun qabsoo hiidhannaa keessatti qabsa’oota ganamaa kanneen akka jeneraal Waaqoo Guutuu, Koloneel Aliyyii Cirriifaa waliin gahee olaanaa taphachuu seenaan jireenya isaanii mul’isa.
Waahillan isaanii qabsaa’ota Oromoo waliin dhaabbata qabsoo siyaasaa “Tokkichummaa” jedhamu hundeessuun kibba Oromiyaatti ajajaa olaaaa ta’uun hojjatanii turan.
Addoota waraanaa Baarree, Odaa Buttaa, Cembee, Qoqqophee, Heebbaa, Booramaa, Gaalessoo, Marma Waabaa jedhamanitti hirmaachuun injifannoo guddaa galmeessisuu seenaan isaanii hima.
Namnk qabsoo Oromoo keessatti maqaan isaanii jabeessee himamu Hajii Koloneel Mahaammad Quxxaa dhukkuba tasa isaan mudateen Amajjii 17 bara 2015 waggaa 87ffaa isaaniitti addunyaa kana irraa du’aan boqatan.
Hajii Koloneel Mahaammad Quxxaa bultii ijaarratanii nama ilmaan ilmaanii argan turan.
GIPHY App Key not set. Please check settings