Waldaan Wabii Maccaa fi Waldaan Hawaasa Oromoo biyya Kanaadaa ajjeechaa Jumlaa lammiilee nagaa irratti Magaalaa Agamsaa keessatti Finxaaleyyii Amaaraa fi shororkeessitoota Faannootiin raawwatame balaalleffatan.
Hammeenyi naatoo hin qabne kan uummata nagaa irratti raawwatame qaama mootummaatiin karoorfamuun akka isaan gaddisiise ibsan waldaaleen kunneen.
Haleellaan kun qaama duguuggaa sanyii Bulchiinsa Abiy Ahmad akkasumas weerartoota Finxaaleyyii Amaaraa fi shororkeessitoota Faannootiin Oromoo irratti karoorfameeti jedha Waldaan Hawaasa Oromoo Kanaadaa.
Yakki namoomaa hawaasa nagaa irratti raawwatame kun qaama walabaan akka qoratamuu fi yakkamtoonni seeratti akka dhiyaatan gaafateera Waldaan Wabii Maccaa.
Waldaan Wabii Maccaa ajjeechaan sukkanneessaan Godina Horroo guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Agamsaa keessatti raawwatame lammiilee Oromoo nagaa 100 caalan galaafachuu fi kuma kurnaniin buqqisuu manneen hedduun gubachuu fi qabeenyi uummataa saamamuu gabaasni miidiyaalee addunyaatu ragaa dha jedha.
Dhumaatiin lammiilee keenyaa sadarkaa dhagahamee hin beekneen raawwatamuun baramaa dhufee jira kan jedhu Waldaan Wabii Maccaa gochaa gar jabinaa fi shororkeessummaa kana jabeessinee balaaleffanna jedha.
Gabaasni miidiyaalee hedduu akka dhugoomsutti haleellaan kun garee hidhattootaa Faannoo Amaaraa jedhamaniin raawwatame. Gareen kun immoo beekkamtii mootummaa naannoo Amaaraa fi federaalaan socho’a. Nageenya lammiilee tiksuu fi qabeenya isaaniif eegumsa gochuun olaantummaa seeraa kabajchisuun gahee mootummaa ti jedha waldichi.
Waldaan Wabii Maccaa yakkoonni namoooma irratti raawwatan kamuu akka balaaleffatuu fi Oromiyaa keessatti dhukaasni akka dhaabbatu waamicha godha.
Wal waraansi Oromiyaa keessaa akka fala argatu mariin biyyaalessaa hundumaa hirmaachisu akka biyyattii keessatti godhamu yeroo gabaabaa keessatti immoo tarkaanfiiwwan shan fudhatamuu qabu jedheera.
“Mootummaan federaalaa fi Oromiyaa kutaa hundattuu nageenya hawaasaa mirkaneessuu qabu. Oromiyaa keessatti guyyaan gadda biyyaalessaa labsamuu qaba. Mootummaan Miidhamtoota magaalaa Agamsaa hirphuu qaba. Yakki lammiilee nagaa fi qabeenya isaaniirratti raawwatame saffisaan qaama walabaa idil addunyaan qoratamuu qaba. Qaamoleen yakka kana raawwatan seeratti dhiyaachuu qabu” jedha Waldaan kun.
Miidhamtoota damdamachiisuuf akka hojjetuu fi Oromoon kutaa maraa lammiilee kanneen waan danda’uun waliin akka dhaabbatu waamicha godheeti jira.
Gamtaan Hawaasa Oromoo Kaanaadaas haleellaa hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa fi garee shororkeessaa Faannootiin Aanaa Amuruu keessatti raawwatame balaaleffateeti jira.
Ajjeechaan gara jabinaa, buqqaatiin, fi saamichi lammiilee nagaa irratti raawwatame kun lammiilee nagaa naatoo malee Jumlaan fixuun kuma 50 kan caalan buqqisuu yaadachiiseera.
Yakki hamaan namooma irratti raawwatame kun beekkamtii raayyaa ittisa biyyaa Itoophiyaa fi tumsitoota isaa, humnoota Oromiyaatiin yeroo guyyoota muraasa isaan itti yaadanii bakka sanaa bahanitti raawwatame. Ajjeechaa Jumlaa sana dursee gareen WBO ofiin jedhuu fi shiraaf ijaaramee fi mootummaan hidhachiise hawaasa qonnaan bulaa hiikkachiisuun haleellaa gar jabinaa humnoota Amaaraaf saaxile.
Haleellaan kun haleellaa Wallagga Lixaa Toleetti raawwatameen kan wal fakkeessu mootummaadhaan karoorfamuu isaati jedha Waldaan Hawaasa Oromoo Kanaadaa. Kan adda godhu haleellaan miilanaa Oromoo irratti xiyyeeffachuu isaa qofa jedha.
Humnoonni mootummaa hanga haleellaan sun dhaabbatutti achi hin deebine. Kun kan agarsiisu haleellaan kun raayyaa ittisa biyyaa, milishaa fi Faannoo Amaaraa, hidhattoota mootummaa naannoo Oromiyaatiin qindaawuu isaati. Waldaan hawaasaa keenya seerdhablummaa Mootummaa Itoophiyaa kanatti ni gadda jedha.
Yakki hanga kana gahu hawaasa Oromoo irratti raawwatee miidiyaaleen biyyattii callisuu filatan. Wareegama Oromootiin aangotti kan dhufe Abiy Ahmad akka dhufeen Oromiyaa bulchiinsa waraanaa jala galchuu kan eeru waldichi eegi sanii hidhaan gar malee, ajjeechaan, qe’ee uummataa gubuu fi buqqisuun baramaa dhufeera jedha.
Ajjeechaa artist Haacaaluu Hundeessaa booda kumoota mana hidhaatti naquu, Gullisootti namota 50 ol fixuu, Ajjeechaa Gambeellaa kan Oromoota 30 ol nyaate, Ajjeechaan Abbootii Gadaa Karrayyuu, dhumaatiin uummata Walloo, Kan Wallagga Lixaa Toleetti raawwatame gochoota sirnicha jalatti argaa jirru jedha.
Yakkoonni kunneen yoo walitti ida’amanii ilaalaman duguuggaa sanyii Bulchiinsa Abiy Ahmadii fi weerartoota humnoota Amaaraan Oromoo irratti raawwatamaa jiran kan jibbiinsarraa maddan waan ta’eef ni balaaleffanna jedha Waldaan Hawaasa Oromoo biyya Kanaadaa.
GIPHY App Key not set. Please check settings