in

Waldaan ogeeyyii seeraa Oromoo idil addunyaa haleellaawwan diroonii fi dhumaatii lammiilee nagaa Oromiyaa keessaa balaaleffate. – OMN


Waldaan ogeeyyii seeraa Oromoo idil addunyaa haleellaawwan diroonii fi dhumaatii lammiilee nagaa Oromiyaa keessaa balaaleffate.

 

Mootummaan Itoophiyaa amma jiru erguma gara aangootti dhufe, bara 2018  kaasee, lammiilee nagaa Oromiyaa keessatti Jumlaan fixuu   Kibbaa fi Lixa Oromiyaarraa eegaluu kan yaadachiisu waldichi,  haleellaa lammiilee nagaa irratti godhu kana babal’isee itti fufuun Jettii fi drooniin manneen barnootaa fi  gabaa keessatti  osoo hin hafin daa’immanii fi manguddoonni xiyyeeffannoo ta’anii ajjeefamaa jiru jedha.

Waldichi Tibbana haleellaawwan diroonii walirraa hin cinne lixa Oromiyaatti raawwatamuu eera. 

Shawaaa Lixaa Meettaa Walqixxee fi Cobiitti  haleellaan Onkololeessaa 19 fi 23 wal duraa duubaan godhame lammiilee nagaa dhibbaan lakkaawaman fixuu, haleellaan qilleensaa magaalaa Mandiitti Sadaasa 09 2022 godhames hedduu ajjeesuu fi madeessuu ibsa waldichi. 

Yakka waraanaa kana balaaleffachaa hawaasni addunyaa yakka kana akka dhaabsisu cimsinee  gaafanna jedha. 

Warri yakka namoomarratti raawwatamaa jiru kana raawwate akka konveenshinii Jenevaatti akka gaafatamu gaafanna, Manni maree nageenyaa dhaabbata biyyoota gamtoomaniis dhimma kana akka Mana murtii idil addunyaatti dabarsu iyyanna jedha ibsi Waldaa Ogeeyyii Seeraa Oromoo Idil addunyaa.

“Itoophiyaan biyya kakuuwwan  mirgoota namoomaa idil addunyaa hedduu mallatteessite dha.  Kakuuwwan kunneen mootummaan eegumsa lammiilee nagaaf akka godhu dirqisiisu. Garuu Mootummaan seerota biyya isaa hin kabajne seerotaa fi kakuuwwan idil addunyaa ni kabaja amantaa jedhu hin qabnu” jedheera waldaan kun. 

Dhaabbatni biyyoota gamtoomanii mootummaan Itoophiyaa lammiilee nagaa ajjeesuu akka dhaabu dhiibbaa gochuu qaba kan jedhe Waldichi, Komishiniin mirga namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Oromiyaa keessatti yakkoota namoomarratti raawwataman akka qoratu gaafanna jedheera.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: More airstrikes kill dozens in Mendi, West Wollega; mounting civilian causalities draw outcry

Paying for Climate Damage Not Charity