in

Waldaan Masarata Kiristoos rakkoo nagaa Oromiyaa godiinota garaagaraatti mudateen hanga ammaa miseensonni ishee 350tti dhiyaatan jalaa ajjeefamuu beeksifte.

[ad_1]

Waldaan Masarata Kiristoos rakkoo nagaa Oromiyaa godiinota garaagaraatti mudateen hanga ammaa miseensonni ishee 350tti dhiyaatan  jalaa ajjeefamuu beeksifte.

 

Ibsa Sadaasa 21 baasteen amantoonni waldattii harki hedduun kan ajjeefaman Godina Wallagga Bahaa aanaalee irra deddeebiin ajjeechaa fi buqqaatiin ummataa keessatti raawwataa ture keessatti akka ta’e himte. 

Dabalataanis manneen jireenyaa fi qabeenyi amantootaa fi tajaajiltoota waldattii itti yaadamee akka gubatee fi barbaadaa’e ifoomsite.

Pirezidaantiin Waldaa Masarata Kiristoosii Paastar Dassaalany Abbabaa, “Ragaan galmeessine kun maqaa warra ajjeefamanii beeknuti malee lakkoofsi kanaan oli” ta’uu danda’aa jechuun dubbatan.

Lakkoofsi namoota ajjeeffaman kanneenis miseensota waldattii qofaafi kan firaa fi hiriyaa isaanii hin daballe ta’u kan himan Paastar Dassaalany “Waggoota lamaan-sadan darban keessatti nama qaroo hin qabne dabalatee namoonni nagaan hedduun ajjeefamaniiru,” jedhu. 

Bifuma wal fakkaatun Waldaan Warra Wangeelaa Makana Yesuus Itoophiyaa ibsa ji’uuma kana keessa baastee turteen, Godina Wallagga Bahaa Aanaa Saasiggaatti  amantonni osoo waaqeffannaarra jiranuu hidhattoota bakka biraatii dhufan jedhamaniin jumlaan ajjeefamuu beeksisuun ishee ni yaadatama. 

Jiraattoonni haleellaa manneen amantaa fi amantoota irratti xiyyeeffate kana hidhattoota naannoo Amaaraatii dhufantu raawwata jechuun irra deddeebiin komataa turan.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

PM Abiy Gives Training to Diplomats –

Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaatti beelli mudate lubbuu namaa dabarsaa jira jedhu jiraattonni – OMN