Waldaan Kiristaanaa Warra Wangeelaa Oromoo Noorweey Osloo jirtu dhalattoota Oromoo haleellaa diroonii, humnoota lafoo mootummaa fi hidhattoota Faannootiin ajjeefamaniif kadhannaa taasifte.
Kana malees lammiilee miidhaman yaadachuuf sirna dungoo ibsuu raawwatanii jiru amantoonni.
Haleellaan diroonii godinaalee Wallaggaa fi Shawaa Lixaatti raawwatame lammiilee nagaa fixuun akkaan nu gaddisiisee jiraa jedhan.
Haleellaa Aanaa Saasiggaatti mana Amantaa Makaana Iyyesuus Mul’ata Geelaa irratti Hidhattoota Faannoon raawwatames balaaleffatanii jiru amantoonni Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Oromoo Noorweey Osloo jiran.
Gochaan gara jabinaa uummata Oromoo irratti diroonii, humnoota lafoo mootummaa fi hidhattoota Faannootiin raawwatamu dhaabbachuu qabas jedhaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings