[ad_1]
Waldaan Hawaasa Oromoo Minisootaa gochaa mootummaan Itoophiyaa Oromoo fi Oromiyaa irratti raawwataa jiru cimsee balaaleffate.
Waldaan Hawaasa Oromoo Minisootaa miidhamni Oromoo fi Oromiyaa ija addunyaa jalaa akka dhokatuuf mootummaan Itiyoophiyaa burjaajjii uumaa jira jedhe.
Waldaan Hawaasa Oromoo Minisootaa haala yeroo Oromiyaa keessa jiru ilaalchisuun ibsa baaseen, mootummaan Itoophiyaa, deggarsi namoomaa kaaba biyyattiif akka taasifamuuf hayyamuu olola jedhuun, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo haleeluu jedhuun uummata Oromoo irratti ifaan ifatti lola banee jira jedhe.
Hawaasni Oromoo Minisootaa karaa danda’ame kamiinuu gocha duguuggaa sanyii mootummaan Itoophiyaa yeroo ammaa kana uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti labse kana cimsee akka mormu jabeessee hima.
Erga guyyaa gaafa duguuggaan sanyii kun labsamee, haleellaawwan rifaasisoo ta’an kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti waraana mootummaan bobbaaseen raawwatamaa jira jedhe ibsi waldaa hawaasa Oromoo minisootaa kun.
Hanga yoonaa, lammiileen qulqulluu hedduun ajjeefamuudhaan kumaatamaan kan lakkaawaman ammoo manaa fi qe’ee isaaniirraa buqqaafamaniiru jedhe.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings