Waldaan Hawaasa Oromoo Biyya Kaanaadaa boqochuu Doktara Kabajaa Artiist Alii Birraatiin gadda itti dhagahame ibse.
Artist Alii Birraa abbaan dandeettii aartii addaa lubbuun darbuutti hedduu gaddineerra jedhe Waldaan Hawaasa Oromoo Biyya Kaanaadaa.
Doktarri Kabajaa Artist Alii Ummata Oromoof Artistii qofa hin turre, Hayyuu hojii aartii walakkaa jaarraa oliif hojjeteen Afaan Oromoo bakka awwaalamee qotee baasedha jedhan.
Hojii Tola Ooltummaa irratti bobba’eenis daa’imman Yatiima dhibbootaan lakkaa’aman carraa barnootaa nama argamsiise tahuu eeran.
Alii Birraa hojiilee isaatiin Oromummaa ijaareera, isa of biraa dhabuun gadda guddaadha kan jedhan hawaasni Oromoo biyya Kaanaadaa, hojiileesaa roga maraan nuuf dhiisee darbeen baraan ni yaadatama jedhu.
Hawaasni Oromoo magaalaa Minisootaa immoo Alii Birraaf sirna yaadannoo qopheessee jira.
Sirna magaalaa Minisootaatti qophaa’e irratti Aliin gumaacha guddaa jaarraa walakk oliif uummata isaatiif gumaatuu ibsaniiti jiru.
Duudhaalee Alii itti fufsiisuun murteesaa akka ta’es himaniiru.
GIPHY App Key not set. Please check settings