Waldaan Amantoota Oromoo Our Redeemer, kan Minisootaa magaalaa Miniyaapoliisitti argamtu, Haleellaa Aanaa Saasiggaatti mana Amantaa Makaana Iyyesuus Mul’ata Geelaa irratti Hidhattoota Faannoon raawwatame balaaleffatte.
Haleellaa kana cimsanii kan balaaleffatan amantoonni Waldichaa Abboota Amantaa dabalatee isaan haleellaa kanaan jimlaan ajjeefamaniif sirna dungoo ibsuu qopheessuun yaadataniiru.
Gama biroon hiriirri guddaan haleellawwan Oromiyaa kutaalee garaagaraatti Ummata nagaa irratti raawwatamaa jiru balaaleffatuu fi Ummata Oromoo qe’ee isaatti dhumaa jiruuf sagalee tahuu kaayyeffate Sadaasa 17 Minisootaatti kan geggeeffamuuf jedha.
Amantoonni fi Abbootiin Amantaa Hiriira kana irratti bal’inaan qooda fudhachuun Ummata isaaniif sagalee tahuuf dirqama qabu kan jedhan Lubni Waldaa Amantoota Oromoo Our Redeemer Miniyaapooliis Wondimmuu Laggasaa, hunduu tokkummaan bahuun Ummata isaaniif sagalee akka tahan waamicha dhiyeessaniiru.
Abbootiin Amantaas tahe hordoftoonni yeroo Ummata keenya rakkoon mudatu kallattii hundumaan saba isaanii cina dhaabbachuutu irraa eegama, Ummata isaaniif sagalee tahuu qabu jedhan Lubi Wondimmuu Laggasaa.
GIPHY App Key not set. Please check settings