in

Waggaa 1ffaan ajjeefamu ogeessa seeraa Abduljabbaar Husseen tibbana yaadatamuuf akka jiru maatii fi koreen qindeessituu sagantichaa ibsan. – OMN


Waggaa 1ffaan ajjeefamu ogeessa seeraa Abduljabbaar Husseen tibbana yaadatamuuf akka jiru maatii fi koreen qindeessituu sagantichaa ibsan.

 

Haati manaa ogeessa seeraa Abduljabbaar Husseen Aadde Sooriyaa Kadiir duudhaa fi kaayyoo bara jireenya Abduljabbaar dhaloota dhaalchisuuf Faawundeeshiiniin maqaa isaatiin kan hundaa’u ta’u himani jiru.

Waggaa 1ffaan ajjeefamuu abukaatoo fi Ogeessa seeraa akkasumas falmaa mirga dhala namaa Abduljabbaar Husseen  kamisa dhufu hagayya 11/20222 magaalaa Adaamaa Galma Oliyaad Sinimatti yaadachuuf qophiin xumuramee jiraachuu maatii fi koreen qindeessituu sagantichaa OMNtti himani jiru.

Koree qindeessituu sagantichaa keessa tokko kan ta’an obbo Muddin Umar yaada OMNf kennaniin kaayyoo fi akeeka Abduljabbaar Husseen dhaloota dhaalchisuuf waggaa 1ffaa ajjeefamu isaa sababeefachuun guyyaan yaadannoo qophaa’ee jira jedhan.

Kaayyoon gooree yaadannoo kanaa duudhaa fi kaayyoo isaa itti fufsiisuu fi haqa isa akka barbaadamu gaafachuu akkasuma maatii isaa deeggaruuf akka ta’e obbo Muddiin ibsaniiti jira.

Sagantaa kana irratti Abbootiin Gadaa, Ogeeyyiin Seeraa, Abbootiin Amantii hawaaasni magaalaa Adaamaa, Maatiin Abduljabbaar Husseen, akkasuma jiraattoonni magaalota Oromiyaa garagaraa ni hirmaatu jedhaniiru.

Haatii manaa Ogeessa Seeraa Abduljabbaar Husseen Aadde Sooriyaa kadiir ammoo turtii gabaabaa bilbilaan OMN wajjiin taasifteen waggaa 1ffaan ajjeefamuu Abduljabbaar Husseen Kamisa dhufu Hagayya 11/2022 Magaalaa Adaamaa Galma Oliyaadi Sinimaatti yaadatama jette.

Duudhaa fi kaayyoo Abukaatoo Seeraa fi falmaa mirga namaa Abduljabbaar Husseen itti fufsisuu fi dhaloota dhaalchiisuuf Faawundeeshiinin tokko maqaa isaatiin akka hundeefamus Aadde Sooriyaan himte jirti.

Haati manaa ogeessa seeraa obbo Abduljabbaar Husseen aaddee Sooriyaa Kadiir, “Haqa Abduljabbaar dhabnee jirra. Haqa isaa baasuuf tattaaffii nuti taasifnu gatii dhabsiisuu fi ukkaamsuuf dhiibbaan jabaan kallattii garagaraatiin nurratti adeemsifaamaa ture” jetti.

Qaamoleen haqaa kanneen akka mana murtii, abbaa alangaa fi poolisiin eeruuwwani fi iyyaannoo nuti dhiyeessinu nurraa fuudhuu didan kan jettu Aaddee Sooriyaa Kadiir, qaamoleen haqaa dhugaa isaa awwaaluu keessatti shora olaanaa taphatanii jiru jetti.

Aadde Sooriyaa Kadiir “ajjeechaa abbaa mana koo irratti raawwatame ta’e jedhanii, itti yaadanii raawwatan. Kanaaf ammoo ragaan poolisii fi manni murtii ragaalee ijoo qorannaa ajjeechaa isaatiif barbaachisu awwaaluu fi shakkii kiyya narraa fuudhuu dhaabuudha” jetti.

Aadde Sooriyaan “Abduljabbaar nama haqa namaaf falmaa turedha. Namoota haqaa dhabaniif nama falmee sirreessaa turedha. Nama haqni isaa dabe Oromoos haa ta’u kan eenyuyyuu falmee sirreessaa ture, Haqa namaatiif falmaa turus inni haqa dhabeera” jechuun haqa dhabuu abbaa mana ishii ibsite.

Ogeessaa fi Abukaatoon Seeraa Abduljabbaar Husseen Hagayya 11/2021 magaalaa Adaamaa Ganda Gadaa ykn 12 jedhamu keessatti ajjeefamee kan argame yoo ta’u, ajjeefamuun isaa dantaa siyaasaaf kan raawwatame akka ta’e hedduun ni amanu.

Hidhamtoota siyaasaa Oromoof adda dureen abukaattummaa dhaabbachuun kan beekkamu Abduljabbaar erga ajjeefamee ganna tokko guutee jira.

Ajjeefamuu isaa wajjiin wal qabatee qaamoleen haqaa Itoophiyaa nama tokko hanga ammatti seeratti dhiyeessuu dhabuu fi eeruuwwan maatii galmeessuu dhabuun haqni isaa akka awwaalamuf taasisee jira komiin jedhu ummata irraa ni dhagahama.

Duudhaa fi kaayyoo haqa irratti cichuun ummata tajaajiluu Abduljabbaar Husseen dhaloota dhaalchiisuuf kan hojjatamu ta’uu maatii fi qindeessitoonni sagantaa yaadannoo Ogeessa Seeraa Abduljabbaar Husseen ibsani jiru.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

News: Govt claims its forces kill hundreds of militants, detain thousands in various regions; recapture over 1000 kebelles in Oromia, Benishangul Gumuz states

Ethiopia, UN Organizations Appeal for 73 Million USD to Assist over 750,000 Refugees – | Satenaw: Ethiopian News