[ad_1]
Waamaa Haagalootti Waraanni Bilxiginnaa dararaa addaaddaa uummata nagayaa irraan gahaa jira.
Godina Wallagga Bahaa aanaa Waamaa Haagalootti Waraanni Bilxiginnaa dararaa addaaddaa uummata nagayaa irratti raawwataa jiraachuun dhagayame.
Ajjeechaa, hidhaa, reebichaa fi saamicha dabalatee dararaawwan garaagaraatu nurratti raawwaramaa jira jedhan jiraattonni.
Maqaa oppireeshinii farra riphee lolaa jedhuun Oromiyaa guutuu keessa bobbaafamee kan jiru Waraanni Bilxiginnaa tibbana godina Wallagga Bahaa aanaa Waamaa Haagalootti uummata nagaa ajjeesuu, reebuu, qabeenya isaa saamuu fi jumlaadhaan hidhaatti guuraa jiraachuu jiraattonni himan.
Jiraattonni OMNf yaada kennan, qabata WBO gargaartan jedhuun waraanni mootummaa ummata nagayaa manneen isaanii gubuu fi qabeenya saamuu akkasuma ajjeechaa raawwachaa jiraachuu dubbataniiru.
Humnoonni kun tibbana immoo hawaasa gandoota aanichaa 11 keessa jiraataan badii takka malee jaarsaa fi daa’imman osoo hin jenne jumlaadhaan guuranii reebicha irratti raawwachuun hidhaa jiruu jedhan.
Mannen hidhaa aanicha keessa jiran guutee manneen barnootaa fi iddoowwan birootti namoonni hidhamaa jiraachuu himanii jiru.
Maatiin nama hidhame ilaaluuf dhaqan achumaan hafuu kan jedhan jiraattonni haalli qabiinsa manneen hidhichaa akkaan hammaataa tahuu himaniiru.
Dargaggoonni hedduun reebichi itti hammaachuu irraa kan ka’e qaama miidhamanii jiraachuu dubbatu.
Kana malees waraanni mootummaa duraan namoota hidhuun duuba mana cabsee saamaa turuu eeranii, guyyaa dheengaddaa fi kaleessa garuu ganda keessa bobba’uun ummata irraa birrii sassaabaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo addaaddaatti mootummaan neetworkii bilbilaa balleessaa waan jiruuf hawaasni rakkoo isaa ibsachuu hin dandeenyee jedhan jiraattonni.
Namoonni humna qaban dararaa irra gahu kana dheefa baqachaa jiraachuu himaniiru.
Haalli ummanni naannichaa keessa jiru akkaan hammaataa tahuu dubbataniiru warri yaada nuuf kenne.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings