Waajjirri tikaa fi odeeffannoo nageenya biyyaaleessaa kan Pirezidaantii duraanii mootummaa naannoo Amaaraa Tamasgeen Xurunaatiin hoogganamu Abbootii amantii sinodoosii haaraa adamsaa jiraachuu odeefannoon miliqee OMN dhaqqabe mul’ise.
Hooggantoonni tika biyyaaleessaa sabaan Amaara ta’an abbootii Amantii Sinodoosii Oromiyaa fi sabaaf sablammootaa haaraa filaman bilbila isaanii butuu fi qaamanis hordofsiisuun adamsaa akka jira iccitiin OMN argate ni addeessa.
Kana malees ragaalee argatan gartuu siyaasaa qabata amantaan tibbana hookkara kaasuuf socho’aa jiruuf dhiheessaa akka jiran ibsameeti jira.
Hundeeffamuu Sinodoosii haaraa hordofee warri amantaa dahoo godhatee olaantummaa saba tokkoo tiksaa ture hookkara jabaa kaasuuf waamicha taasisaa jira.
Gartuun bataskaana maadheffate kun gartuulee siyaasaa Amaaraa ifaan socho’an waliin ta’uun magaalota keessatti hunkura jabaa uumuuf sochiitti akka jiran ragaaleen ni mul’isu.
Odeeffannoon iccitii OMN dhaqqabaa jiran waajjiraalee mootummaa federaalaa keessa warri maandheffatee jirus hundeeffamuu sinoodoosii haaraan mormuun hookkara jabaa qindeessaa jiraachuu mul’isaniiru.
Isaan keessaa tokko Waajjirri Tikaa fi Odeeffannoo Nageenya Biyyaaleessaa kan Pirezidaantii duraanii mootummaa naannoo Amaaraa Tamasgeen Xurunaatiin hoogganamu isa tokko.
Wajjirri Tikaa fi Odeefannoo Nageenya Biyyaaleessaa abbootii amantii sinoodoosii haaraa kanaan muudaman adamsaa kan jiru yoo ta’u, dhalattoonni Amaaraa Waajjiricha keessa hojjatan abboota amantii sinodoosii haaraan odeefannoo isaanii sassabaa jiru.
Waajjira Tikaa fi Odeefannoo Nageenya Biyyaaleessatti Itti gaafatamaan Teeknika humna tika Itoophiyaa waliigalaa obbo Xilaahun Isheetuu itti gaafatamummaa Abbootii amantii haaraa muudaman adamsuu fudhatee hojjataa kan jiru ta’uu mul’isa odeefannoon OMN argate.
Waajjirichatti hoogganaan Teeknika humna tika biyyaalessaa kun, bilbila abboota Oromoo haaraa filaman butee, sochii fi haasaa isaanii Abuna Abrahaam fi Abuna Pheexiroos fa’aaf geessee himata akka irratti bananiif haala mijeessaa jira jedha odeefannoo OMN argate.
Kana malees ragaalee argatan gartuu siyaasaa qabata amantaan tibbana hookkara kaasuuf socho’aa jiruuf dhiheessaa akka jiran ibsameeti jira.
Akkasumas humna tikaa hordoffiif abboota amantii haaraa muudaman jalatti ramaduun hordofsiisa jira kan jedhu odeefannoon kun tarii haleellaa irratti raawwachiisuu mala waan ta’eef of eeggannoon guddaa taasifamuu qaba jedhameeti jira.
Dhalattoota Oromoo Waajjira Tikaa fi Odeeffannoo Nageenya Biyyaaleessa keessa jiran kan shira kana dura dhaabbatan qabata Waraana Bilisummaa Oromootiin hojii irraa aryataa akka jiranis OMN odeefatee jira.
GIPHY App Key not set. Please check settings