[ad_1]
Uummanni qabsaawota ofii gatii isaaf jecha kaffalan osoo lubbuun jiranuu gargaaruu qaba jedhu Dr Gammachuu Magarsaa.
Waggaa 16ffaan Artist Usmaayyoo Musaa itti wareegame sirnoota garaagaraan yaadatamee jira.
Kitaabni seenaa Artiist Usmaayyoo irratti barraaye fi CD’n tokko yaadannoo isaaf kaleessa magaalaa Finfinneetti eebbifamee jira.
Qe’ee Gadaamessaa aartii fi qabsoo Oromoo kan taate dachee Afran Qallootu biqilche, bara 1967 baha Oromiyaa Haramaayaatti dhalate. Hangafoota Aartii Oromoo kan Baha Oromiyaa keessaa warri maqaan isaanii tarree jalqabaatti waamamu, nama Aartii weelleewwan isaa barayyuu hin moofofne fi dhaggeeffatamanii hin quufamne keessaa nama tokko.
Ganamumaan Aartisti, dhugaa fi sabboonummaan Oromummaan nama keessatti magarteedha.
Jaalallii fi ulfinni sabaaf qaban madaalliinsaa hanga eessaa akka ta’e jiraatee nama hojiin agarsiise. Artistii fi qabsaawaa haqaa Usmaayyoo Musaa.
Miseensa Baandii Caffee Gadaa kan ture yoo tahu, qabsaawaa ogummaa Aartii Rabbiin isa badhaaseen hojii saba isaa dammaqsuu fi hadhaa roorroo gabrummaa Oromoo fi Oromiyaarra jirtu bifa Aartiin ummata isaa nama hubachiisaa turee dha.
Saba isaa dheebuu aartii qabu dheebuu baasuf qaroowwan akka Adam Haruun, Fandishee Mul’ataa, Halloo Daawwee, Suutee Bareentuu, Kadir Sa’id, Abdii Ibraahim, Hirphaa Gaanfuree, Ilfinash Qannoo, Callaa Carcar fa’ifaana gumaatni jajjabduun Usmaayyoon aartii Oromoof kaaye waan dhaloonni keenya beekuu fi leellisaa jiru.
Naannawa bara 1987 kennaa aartiin isa dhangiite qabatee hojii weellee jalqabuu hima seenaan Usmaayyoo. Albamoota dhuunfaa 4 fi weelleewwan Afaan Oromoo kolleekshinii Artistoota Oromoo maqaa eerre faana qopheessee gurra dhaggeeffattootaan gaheera. Albamoonni sadi kan Usmaayyoon dalage gaafa lubbuun jiru kan gabaarra oolan yoo ta’u tokko immoo erga inni wareegamee gara uummataa bahe.
Seenaa dhaabbataa, yaa daddaba jiruu, dukkana bara dheeraa, Hiriyoo, Sodaa lubbuu kootiif, Karamiin na deemtaa kanneen jedhan Weelleewwan namni aartii Afran qalloo kun aartii Oromoof buusee darbe keessayi.
Usmaayyoon ijoollummaa kaasee bu’aa bayii jireenyaa hadhooftuu baay’ee dabarse. Qormaanni Usmaayyoon itti qorame baay’een kan Aartii Oromoo ta’uu maatiinsaa ragaadha.
Jiruu hadhooftuun hundaa olii Usmaayyoon dabarse kan mana hidhaatti dabarse dha. Bara 1996 kaasee waggoota 8 walitti aanan mana hidhaa Zuwaayitti dararaa hamtuu jala ture.
Gidiraa hamaa mana hidhaa wayyaanee kan waggoota 8 jala taa’ee muuziqaa isaa kan dhumaa nama hojjete. Weelleen mana hidhaa booda hojjete kun “Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nun cabsu” kan jedhu yoo tahu, sirbi qabsaawaa Usmaayyoo kun sirba jaallan qabsoo Oromoo gidiraa manneen hidhaa keessatti argaa turan akkasumas roorroo hamaa sirni yeroosii Oromoorran gahaa ture itti weellise yoo ta’u, welleen tunis Oromoon hamilee isaa cabee gabroomfataaf akka hin jilbiibbanne onnachiisaa ture. Albamni kun hamilee qabsaawootaa utubuun uummanni bifa haarawaan akka warraaquf beenziila qabsoo kan taatee dha jedhama.
Abbaa ilmaan shanii Usmaayyoon aartii fi qabsoo Oromoo tanatti jiruu dhabee bultiinsaallee faca’uu seenaan isaa ni hima. “Dukkana bara dheeraa” jechuunis waldhaansoo jireenyaa isaa fi maatiinsaa argan weelleen ibseera. Weelleewwan warraaqsaa gaafa roorroo saba isaa dammaqsan, kan gaafa bal’inaa itti bohaaran, kan bu’aa bayii jiruuf jireenyaa, jaalalaa, aadaa fi sabboonummaa hedduu turan. Guyyaa dhiphinaa maatiinsaa faca’ee hiriyoonnisaa gaafa gammachuu waliin kolfanii gaafa rakkoo isaa qoolliffatan “hiriyoo” jedhee yaadannoo hiriyaa gaafa rakkoo fi makkoo sirbaan ibseera. Haati manaa qabaawaa Usmaayyoo Musaa bara sadeet hunda gara mana hidhaatti osoo deddeebituu xumura irratti miidhaa isii mudateen bara 2004 wareegamuudhaan boqonnaa sammuu fi qaamaa osoo hin argatin lubbuun dabarte.
Usmaayyoo Muusaatis miidhaa fi dararaa mana hidhaa keessatti baroota Sadeet guutuuf isarra gahaa tureen, eega hidharraa baheen booda gar malee dhukkubsachaa turuudhaan, osoo miidhama kanarraa hin dandamatin Magaalaa Cirootti sadaasa 18 bara 2006 wareegame. Usmaayyoon aartii fi sabboonummaa Oromootif afuura dhumaa baafate.
Wagga 16ffaan Usmaayyoon itti wareegame kaleessa magaalaa Finfinnee keessatti bakka artiistonni, hayyoonni fi kutaaleen hawaasaa garaagaraa argamanitti yaadatamee jira. Kitaabni seenaa jireenya isaa himu kan gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaatiin barraaye fi CD’n tokko eebbifamee jira.
Qophii kanarratti intalli Artist Usmaayyoo Musaa Saartuu Usmaayyoo ilmaan qabsaawota kufanii bakkeewwan garaagaraatti hirkoo dhaban hedduutu jiru jechuun uummanni warra kana waliin dhaabbachuu akka qabu waamicha goote.
Hayyuun seenaa Dr. Gammachuu Magarsaa uummanni gootota isaa yeroo lubbuun jiran birmachuufii qaba jechuun dhaaman waltajjii kanarratti.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings