[ad_1]
Uummanni Oromoo gochaa gara jabeenyaa duguuggaa irratti raawwatama jiru fi seera addunyaa cabse qolachuu akka qabu Addi Bilisummaa Oromoo hubachiise.
ABOn ibsa har’a baaseen, humnoonni Faannoo jalqaba qubattoota duraan naannoo Oromiyaa keessa jiran dahoo godhachuun naannoo Amaaraatii gara Oromiyaatti akka nam’an himeeti jira.
Humni qubattoota kanneenii fi caasaa nageenyaatiin deeggaramu kun tibba kana godina Horroo Guduruu Wallaggaatti magaalaa Agamsaa weeraruun namoota nagaa 65 caalaa bifa suukkaneessaa ta’een fixee jedhe.
Kanneen ajjeefaman keessaa dubartoonnii fi maanguddoonni akka jiran ibseeti jira.
Gareen kun saamichas magaalaa Agamsaatti raawwachuu kan ibse ABOn, itti aansee immoo guyyoota muraasa booddee aanaa Horroo Bulluqitti namoota nagaa 31 fixee jedhe.
Kana malees gareen Faannoo kun badii guddaas raawwachuu ABOn himeeti jira.
Humnoonni federaalaa uffannaa siiviilii uffatanis hidhattoota Faannoo waliin ta’uun haleellicha akka raawwatan mirkanaa’uu ABOn beeksiseera.
ABOn ajjeechaawwan suukkaneessoo walfakkaatan bakkeewwan garaagaraatti raawwataman cimsee akka balaaleffatu eeree, haleellaawwan kanneen keessaa humnoonni mootummaa harka qabu jennee ni shakkinaa jedhe.
Gochaa uummata Oromoo lafa isaa irraa buqqisuutu raawwatamaa jira kan jedhu ABOn, yeroo uummata Oromoo irratti fixiinsi raawwatamu mootummaan callisaan ilaalaa jechuun komate.
Gochaan uummata Oromoo fixuu kun durii jalqabee hanga har’aa itti fufuu eeree, kun kan dhaabbachuu danda’u Oromoon tokkummaan ka’ee yoo qolatee dha jedhe.
Uummanni Oromoo gochaa hammeenyaa irratti raawwatamu kana tokkummaan akka qolatus Addi Bilisummaa Oromoo yaamicha dhiheesseeti jira.
Hawaasni addunyaas gochaa hammeenyaa uummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru kana dhaabsisuuf gahee isaa akka bahu dhaameeti jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings