[ad_1]
Uummanni aanaa Gurra Dhaamolee irraa buqqaafame gargaarsa barbaadna jedhe.
Godina Baalee aanaa Gurra Dhaamolee irraa ummanni sababa rakkoo nageenyaatii fi Beelaan buqqa’ee aanaa Dalloo Mannaa qubate deeggarsa namoomaa akka barbaadu himame.
Sababa hidhattoonni naannoo Somaalee daangaa cehuun haleellaa ummata nagayaa irratti raawwataniin aanaa Gurra Dhaamolee ganda Hokkoltuu irraa kan buqqa’an abbootiin warraa 1000 aanaa Dalloo Mannaa ganda Kal’ee Golbaa jedhamu qabachuu isaanii bulchaan aanaa Dalloo mannaa Haaji Mohaammad Awwal BBCtti himaniiti jiru.
Hidhattoonni babal’ifannaa lafaatiif naannoo Somaalee irraa daangaa cehuun haleellaa ummata irratti banan daandii ummanni kun gabaa ittiin dhaqatu cufuun akka ummanni kun deeggarsa namoomaas hin arganne taasisuun ganda isaanii irraa akka buqqisan jiraattonni OMNtti himani jiru.
Gandoota Hokkoltuu Fi Habroonaa jedhaman irraa sababa walitti bu’iinsaa fi hoongeetiin ummanni buqqa’ee gara aanaa Dalloo Mannaa fi Dawwee Qaaccan baqate Abbootii warraa 1300 akka ta’an jiraattoonni OMNtti kan himan yoo ta’u, kanneen keessaa kan aanaa Dalloo Mannaa ganda Kal’ee Golbaa qubatan abbootii warraa 1000 akka ta’an bulchaan aanaa Dalloo Mannaa obbo Haaji Mohaammad Awwal himaniiti jiru.
Yeroo ammaa nyaataa fi sharaan keessa bulan dhiyaataafii jiraachuu kan himan bulchaan aanichaa garuu deeggarsi namoomaa ummata kana akka barbaachisu ibsaniiru
Ummanni buqqaafame kun qe’ee isaatti deebi’uu akka barbaadus himaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings