Ummanni Oromoo kan yeroo kamuu caalaa mooraa qabsoo isaa jabeefachuu akka qabu rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa fi xiinxaltoonni siyaasaa ibsuu irratti argamu.
Uummanni Oromoo itti baatee lola kaabaa kamuufuu of qopheessuu akka qabu fi akka sabaatti ijaarsi, dammaqiinsi fi qophaa’ummaan cimaan akka barbaachisu eeramee jira.
Waraana kaaba Itoophiyaatti humnoonni mootummaa federaalaa fi kan Amaaraa gama tokkoon, Humni Ittisa Tigraay gama biraatiin dhaabbachuun wal lolaa jiran rogeeyyiin Oromoo hordofaa jiran fuula miidiyaa hawaasaa irratti yaada barreessaa jiraniin, gartuuleen siyaasaa Oromoo garaagarummaa isaan jidduu jiru dhiphisuun jabina mooraa qabsoo sabichaa irratti xiyyeefachuu qabu jedhan.
Uummanni Oromoo itti baatee lola kanaa kamuufuu ofqopheessuu akka qabuu fi akka sabaatti ijaarsi, dammaqiinsi fi qophaa’ummaan cimaan akka barbaachisu eerani jiru.
Dhalattoonni Oromoo lola ummata Oromootiif bu’aa hin buufne irratti hirmaachuu irra mooraa qabsoo Oromoo utubaa jechuun waamicha taasisani jiru.
Xiinxalaan siyaasaa Yaayaa Bashiir yaadota walitti aansee fuula barruu (Facebook) isaa irratti barreesseen, “akkuma kaleessa akeekne lolli kaabaa dhooheera, lolli kun akkuman jedhe Oromoo hin laallatu, garee isa kamiinuu cinaa goranii isa tokko irratti duuluun bu’aa Oromoof fidu hin qabu, Oromoon saba guddaa dha, saba itti hirkatamu malee kan walii isaa irratti amantaa dhabee halagaa biraa caalsifatee daboo waammachuuf dirqamu miti” jedha.
Itti fufuun kan jedhu Yaayaa Bashiir “dhaabonni qabsoo Oromoo daandii haqaa irra jiran osoo halagaa fagoo hin firoomfatin dura walii isaanii irratti abdii fi jaalala jabeeffachuu qabu. Maree fi wal falmii siyaasaa gadi fagoo wal gidduutti geggeeffachuu aadeffachuun mallattoo bilchinaa ti” jedha.
“adeemsa mooraa qabsoo keenyaa hanqina qabu akkasiitu Biltsiginnaa goobse kan jedhu namni siyaasaa Itoophiyaa kun, akka jarri dhaabota Oromoo haqaa kan wareegama qaalii kafalaa as gahanii fi har’as wareegama hadhooftuu baasaa jiran tuffatanii abbaa barbaadan ajjeesanii fi hidhan onnee dabaleef” jechuun ibsa.
Ammas adeemsa abaaramaa kana keessaa hin baanu taanaan Biltsiginnaaf umrii bittaa eebbifnee akka dabalaafii jirru beekuu qabna kan jedhu Yaayaan, Injifannoon Oromoo kan mirkanaa’u halagaa caalaa walii keenyarratti garaa jabaachuurraa yoo of qusannee dha jedha.
Garee kamuu waliin dhaabbattee wareegama bilaashaa hin kafaliniin dhaamsa Yaayaa Bashiir ilmaan Oromootiif dhaame yoo ta’u, diina waggoota 30f Oromoo qorqaa turetu amma wal lola jira jedhe.
Qabsoon Oromoo ofirratti irkataa, sagantaa ifaa ta’ee fi hooggansa of keessaa moosifate qaba kan jedhu rogeessi Walaabuu Jiloo ammoo, lola ollaa keetitti adeesifamu bifa tarsiimoowaan gamaagamuu fi of qopheessun barbaachisaadha jedha.
Rogeessi siyaasaa Baabsaa Tuulaa ammoo “yaa Ijoollee Oromoo, Birmadummaa biltsiginnaa fi kan biyyaa waliin hin makinaa, Biltsiginnaan birmadummaa garaa isii malee birmadummaa biyyaa hin beektuu tana quba qabaadha” jedha.
Itti fufuun waa’ee birmadummaa mootummaan dubbatuu yoo ibsu Baabsaa Tuulaa “birmadummaan biyyaa cabe kan jedhamu gaafa weerartuun biyya biraa daangaa cabsee biyya kee weeraredha, Diinni alaa dhufee Itoophiyaa weerare hin jiru, Biltsiginnaa fi ummata biyya Itoophiyaatu wal waraanaa jiraa tana qabadha” jechuun Oromoof dhaame.
“yaa Oromoo, kadiree qe’ee keetti si ajjeeftuu fi mana hidhaa baaftee si rashantu eeguuf jettee hin salphatiin sibiila of-harkaa qabdu waliin WBOtti makamaa” waamicha rogeessa siyaasaa Baabsaa Tuulaati.
“Oromoon saba baldhaadha, Saba kaayyoo qabuu fi Galma qabsoo ofii addaan baasee beekuudha, Wayyaaneen kaleessaa fi Biltsiginnaan hardhaas Oromoof diina malee fira miti. Hoj-manee ofii cinatti dhiisanii, dhumaatii fi dhufaatii wayyaanee taa’anii eeguun qaanyii fi Saba baldhaa kana xiqqeessuudha, qabsoo Oromoo Leegaasii dhoorkanii, Kaayyoo fi galma isaas karaatti bacancarsuudha, Of taana, Ofuma ta’uu wayya” kan jedhu ammoo miseensa koree giddugaleessa Kongiransii Federaalawaa Oromoo Lalisaa Husseen.
Asnaaqaa Irkoo Bergen Hordaland jiraatu barruu karaa facebook isaa barreesseen, “OPDO/PP Oromoo irratti miidhaa dhaqqabsiteef aangorraa danda’u Oromoon ofii kaasee mootummaa isaaf ta’u ijaarrudha malee, Finfinnee ati marsitee osoo jirtuu alagaan Kaabaa dhufee jara buusee aangoo naaf qooda jettee yaadda taanan dogoggortee jirtaa itti yaadi” jedhe.
“Bara 1991 haayadannu. TPLF Finfinnee dhufnaan ammas gabrummaa biraatitu Oromoo eeggata. Haqa jiru. Carraa dhufetti dhimma bahuun garuu qaroomina! Kanuma!” jedhe Asnaaqaa Irkoo.
Walumaagalatti Oromoon akka sabaatti itti baha lola kanaatiif of qopheessuu fi ijaarsa hunda galeessa taasisuun, akkasuma garaagarummaa gartuulee jidduu jiru hir’isuun dhaamsaa rogeeyyii fi xiinxaltoota siyaasaati.
GIPHY App Key not set. Please check settings