[ad_1]
Torbee Irreechaa ilaalchisuun sagantaaleen adda addaa magaalaa Finfinnee fi Bishooftuutti qopha’aa jiru.
Ayyaana Irreechaa Hora Finfinneefi Hora-Arsadii guyyaa borii fi iftaanii kabajamu sababeeffachuun, qophiileen miidhagina ayyaanichaa ta’an akkaataa namatti toluun adeemsifamaa jiraachuu OMN odeeffateera.
Miidhagina torban Irreechaa keessaa tokko kan ta’e, Galgala Walaloo Irreechaa ture.
Galgalli walaloo Irreechaa guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinnee Hoteela Internaashinaalii Ililliitti kan geggeeffame yoo ta’u, kaayyoon qophichaa Irreechaaf miidhagina dabalataa ta’uu akka ture qopheessitoonni sagantichaa himaniiru.
Walaleessitoota Oromoo bebbeekamoo kan irratti hirmaatan, Galgalli Walaloo Irreechaa, bakka hirmaattotni hedduu jiranitti geggeeffamee haala gaarii ta’een xumurameera.
Sagantaan inni kan biraan Torban Irreechaa sababeeffachuun qophaa’e, Wal dorgommii miidhaginaa Tuurizimii Oromiyaa ture.
Koomishinii Tuurizimii Oromiyaatiin kan qophaa’e, dorgommiin Miss Turiziimii Oromiyaa kun marsaa 2ffaatiif guyyaa kaleessaa Hoteela Iskaay Laayititti adeemsifameera.
Injifattuu miidhagdootaa kan taate Moodel Hawwii Maatiyoos, baallii miidhagdootaa, Tuurizimii Oromiyaa injifattuu bara darbee kan taate Moodel Haliimaa Abdushukkur irraa fudhatteetti.
Waltajjicha hordoftoota hedduu hirmaachiseen kan geggeeffame, wal dorgommiin miidhaginaa koomishinii Tuurizimii Oromiyaatiin qopha’e kun, sagantaalee bareedina Torban Irreechaa ta’aan keessaa tokko ta’ee jira.
Qophiileen konsertii muuziqaa, agarsiisaa aadaafi uffataa magaalaa Finfinnee keessatti Irreecha sababeeffachuun qopha’aa kan jiran yoo ta’u, magaalaa Finfinnee keessatti jala bultii Irreechaafis haala ho’aa ta’een dammaqina uumaa jira jedhame.
Moggaasa ‘Irreechaa Walk’ jedhuun, hirmaattotni uffata aadaatiin miidhagan, dursummaa koomishiinii Tuurizimii Oromiyaatiin guyyaa har’aa Finfinnee keessatti agarsiisaa daandiirraa kan taasisan yoo ta’u, bakki hafeerraa buna aadaa guddaa shiinii kuma kudhan oliin qophaa’uus OMN odeeffateera.
Hirmaattotni Ayyaana Irreechaa Oromiyaa keessaafi bakkeewwan adda addaarraa Finfinnee seenaa jiraachuu odeeffate OMN.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings