Tokkummaan hawaasa Oromoo Kanaadaa Phaaphaasota kutaalee Oromiyaafi sabaaf sablammootatti Sinoodoosiin haaraan ramadaa jiru cimsee kan deeggaru ta’uu beeksise.
Sinoodoosii haaraa hundeeffameefi phaaphaasota tajaajila amantichaa kennuuf ramadaman tumsuun barbaachisaa akka ta’es dhaameera.
Tokkummaan hawaasichaa ibsa baaseen phaaphaasonni haaraan ramadaman afaan Oromoo fi afaan sabaaf sablammootaatiin tajaajila laachuun mirga hordoftoota amantichaa dabalatee mirga namummaa kan eegedhas jedheera.
Keeyyata 27 labsiin mirgoota namoomaa addunyaa akka jedhutti, Namni kamiyyuu aadaa isaa bilisaan kunuunfachuu fi irratti hirmaachuuf mirga qaba, aadaa fi afaan saba tokkoo yoomiyyuu addaan bahuu waan hin dandeenyeef tajaajila kamirrattuu afaan saba tokkoo ugguruun aadaa fi eenyummaa saba sabaa sarbuu wajjiin wal qixa tahuun seeraan kan tumame tahuu gamtichi addeesseera.
Oromiyaa fi naannoo kibbaa dabalatee miidhaalee kolonummaan Afrikaa keessatti fide keessaa inni tokko afaan sabootaa cunqursuudha kan jedhe gamtichi, Sinoodoosiin duraanii sirnoota darban dahoo godhachuun olaantummaa saba tokkoo leellisuun afaan, aadaa, duudhaa fi eenyummaa saboota biroo sarbaa akka ture ibseera.
Erga sirni moototaa finqiluun sirni Federaalaa ijaaramee booda gaaffii afaan ofiitiin kadhachuu fi hawaasa tajaajiluu irra deddeebin gaafatamaa turus ukkaanfamaa akka tures Tokkummaan hawaasa Oromoo Kanaadaa ibsa baaseen yaadachiiseera.
Sinoodoosii duraanii keessatti hirmaannaan phaaphasotaa harki 85 saba Amaaraa irraa kan ta’e waan ta’eef phaaphaasonni Oromiyaa fi Sabaaf sablammoota kibbaarraa dhufan tuffatamaa waan turaniif rakkoon kun waggaa 150f osoo hin furamin hafee ture, kanaaf Sinoodoosii haaraan hundeeffame rakkoo kana hunderraa furuuf waan hojjetuuf deeggaruun akkaan barbaachisaa ta’uu gamtichi dhaameera.
Tokkummaan hawaasa Oromoo Kanaadaa Uummanni Oromoo bal’aan, sabaaf sablammoonni fi qamoonni nageenya jaalatan cufti sinoodoosii haaraa hundeeffames ta’ee phaaphaasota muudamuun kutaalee hawaasaatti ramadaman bira akka dhaabbatan yaamicha dhiheesseera.
GIPHY App Key not set. Please check settings