Tarkaanfiin mootummaan barattoonni kutaa 12ffaa qe’ee isaanii irraa akka fagaatanii qormaataaf taa’an taasise ilmaan keenya rakkoo guddaaf saaxile jedhu maatiin.
Maatiin barattootaa OMNf yaada isaanii kennan, ministeerri barnootaa tarkaanfii siirriitti hin qoratamne fudhachuun barattoota egeree ofiif waggaa 12f ifaajjan rakkoo keessa buuse jedhaniiru.
Barattoonni battala qormaanni gahetti qe’ee irraa fageeffamuun bakka biraa geeffamuun rakkoo qorqalbii jabaa qabaachuu himaniiru.
Kana malees barattoonni rakkoowwan jajjaboo keessummeessaa jiraachuu eeraniiru.
Balaan konkolaataa bakkeewwan garaagaraatti mudachuu, hanqinni nyaataas mudachuu, guyyoota dhumaatti tasgabbaa’anii qormaataaf qophaa’uu dhabuu, barattoonni dhiphina jabaa keessa akka galan taasifamuu maatiin akka komiitti kaasu.
Kun immoo firii qormaataa barattootaa kan hubu akka ta’es maatiin barattootaa dubbataniiru.
Ministeerri barnootaa gama isaatiin adeemsi haaraan kun qulqullina barnootaaf gahee qabaataa jechuun dubbata.
Ogeeyyiin immoo adeemsi ammaa kan sirriitti hin qoraamne, qophiin gahaanis kan hin taasifamne jechuun qeequ.
Qulqullina barnootaa eegsisuun barsiisuu irraa jalqaba kan jedhan ogeeyyiin, barattoota bu’aa bayii akka kanaatti seensisuun kan mirkanaa’uu miti jedhan yaada OMNf kennaniin.
Adeemsi ammaa barattoota rakkoo guddaaf saaxiluun gamatti dhiibbaa qorqalbii jabaaf kan saaxile akka ta’e eeranii, kun firii barataas ni hubaa jedhu.
Adeemsicha tarsimoo haalaan hin qoratamne, qophiin gahaanis kan hin taasifamne jechuun jabeessanii qeequ ogeeyyiin.
GIPHY App Key not set. Please check settings