in

Tapha Waancaa Addunyaa Qaatar har’aatiin Morookoo fi Kirooshiyaan ramaddii itti aanutti yoo darban Beeljiyeemii fi Kanaadaan kufan. – OMN


Tapha Waancaa Addunyaa Qaatar har’aatiin Morookoo fi Kirooshiyaan ramaddii itti aanutti yoo darban Beeljiyeemii fi Kanaadaan kufan.

 

Tapha Waancaa Addunyaa Kaataritti adeemsifamaa jiruun ramaddii ‘F’ jalatti kan argaman Kirooshiyaa, Beeljiyeem, Morookoo fi Kanaadaan saa’atii 12:00 irraa jalqabuun tapha xumuraa ramaddii keessaa darbu taphatanii jiru.

Kanaadaa fi Morookoon tapha Istaadiyeemii Al Thumaamaatti taphataniin Morookoon 2 fi 1 Kanaadaa injifachuun rammaddi itti aanutti darbitee jirti.

Taphataan sarara jidduu Kilaba Chelsea fi garee biyyaaleessa Morokoo Hakim Ziyeech daqiiqaa 4’tti gooli jalqabaa Morookoof yoo lakkoofsisu, daqiiqaa 25′ irratti taphataan sarara duraa Kilaba Seevillaa Yuusef En Nesyri goolii 2ffaa garee biyyaaleessa Morookoof lakkoofsisee jira.

Daqiiqaa 40′ irratti taphataan sarara ittisaa kilaba Westihaam fi garee biyyaalessa Morokoo Naayef Aguerd goolii of irratti yoo galchuu Kanadaan taphoota sadan darban taphatte hunda injifatamuun tapha waancaa addunyaatiin ala taatee jirti.

Biyyi Afrikaa Morookoon ramaddii ishee keessaa qabxii 7 sassaabachuun gara Ramaddii itti aanutti darbitee jirti.

Tapha biroo ramaddii ‘F’tiin Kirooshiyaa fi Beeljiyeemii Istaadiyeemii Ahmad Bin Alitti kan taphatan yoo ta’u biyyi tilmaamni guddaan Waancaa Addunyaa kennameef Beelijiyeem Kirooshiyaa wajjiin goolii malee qixa bahuun tapha Waancaa Addunyaatiin ala taate.

Kirooshiyaan qabxii 5 sassaabachuun biyya Afrikaa bakka buute Morookotti aanuun gara ramaddi itti aanutti darbitee jirti.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

Dhalattoonni Oromoo biyya UK magaalaa London fi naannawaa ishee jiraatan har’a hiriira mormii bahan. – OMN

Dhalattoonni Oromoo biyya Nezerlaandis magaalaa Amistardaamii fi naannawaa ishee jiraatan har’a hiriira mormii bahan. – OMN