[ad_1]
Sirni gaggeessaa Qondaala Poolisii Humna Addaa Oromiyaa kan lola Waraana Bilisummaa Oromoo WBO waliin Shawaa Bahaa Boosetitti godhame irratti ijjeeffame raawwatame.
Sirni awwaalchaa iddoo dhaloota isa godina Baalee Bahaatti rawwatamuu Waajjirri Kominikeeshinii Godinichaa beeksiseera.
Komaandar Ziyaad Ahmad qondaala olaanaa poolisii Oromiyaa keessaa tokko yommuu ta’u, lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo jiddutti godhameen ajjeefamuu isaa Bulchaan Bulchinsaa Godina Baalee Bahaa Obboo Isheetuu Baqqalaa himaniiru.
Mootummaan yeroo heddu irra deddeebiin ji’a tokko keessattin WBO balleessa jedhaa ture.
Yeroo dheeraa booddee immoo WBO sadarkaa sodaa nagenyaa hin taane irraan gahuu mootummaan irra deddeebiin hime.
Haata’uutii garuu kutaalee Oromiyaa heddu keessatti walwaraansi gurguddaan WBO fi humnoota mootummaa gidduutti adeemsifamaa akka jiru jiraattotatu hima.
Inumaa walwaraansi kun garmalee hammaataa jira jedhu jiraattonni.
WBOn gama isaatiin yeroo gara yerootti cimaa deemuun humnoota mootummaa irratti injifannoowwan gurguddaa akka argataa jiru beeksiseera.
Ajajaan Waliigalaa WBO Marroo Dirribaa tibba darbe duula mootummaan WBO balleessuuf bane akka carraatti itti fayyadamnee jedhe.
WBOn sadarkaa ofduuba hin deebine irra akka jirus himeeti jira.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings