[ad_1]
Sirni Awwaalcha miseensa gumii sabaa ABO dargaggoo Mooyiboon Baqqalaa magaalaa Naqamteetti guyyaa har’aa raawwatame.
Dargaggoo Mooyiboon Baqqalaa Umurii gabaabaa jiraate keessatti nama qabsoo Oromoof gahee guddaa gumaache ta’uun sirna awwaalcha isaatii irratti himameera.
Bara 1981 Fulbaana 10 abbaasaa Obbo Baqqalaa Garbaa Fufaafi Haadhasaa Aadde Alamii Fallaqaa irraa kan dhalate Mooyiboon, umurii 34-tti Onkoloolessa 23, 2022 godina Addaa naannawaa Finfinnee bakka addaa Saansusi jedhamutti qaamolee hin beekamneen itti dhukaafamee ajjeefame.
Mooyiboon Baqqalaa rasaasa lamaan rukutamuufi erga rukutamee booda Hospitaala Abeet seemsifamus, lubbuun hafuu dadhabuusaa seenaa isaa bakka awwaalchaatti dubbifamerraa hubachuun danda’ameera.
Dargaggoo Mooyiboon Baqqalaa qabsoo Oromoo keessatti ashaaraa ofii ka’atee nama darbe ta’usaa kan dubbifame yoo ta’u, bara 1995 nama waggaa 14 ta’uun sochii qabsoo eegaluusaatu himame.
Barnootasaa sadarkaa duraafi sadarkaa olaanaa keessattis qabsoof nama ijaaruu, dargaggoota gurmeessuufi fincila mootummaa wayanneerratti taasisuun nama beekamu ture.
Yuunvarsiitii Jimmaatti barataa saayinsii fayyaa waggaa 2ffaa ta’ee osoo jiruu, sababa mormii maasterpilaaniitiin mooraa keessaa qabame hidhamuun, erga murtii hidhaa xumurees gara barnootaatti deebi’uuf gaafate dhorgamuusaa seenaansaa ragaa baati.
Erga mana hidhaarraa hiikamee magaalaa Naqamteetti kan argamu Yuunvarsiitii Riiftivaaliirraa barnoota Ikkinoomiksiitiin digrii duraa fudhachuun, hojjetaa Telekoomii Itiyoophiyaa ta’uun qacaramuusaas sirna geggeessaa isaarratti dubbatameera.
Barreessaa asoosamootaafi kitaabilee seenaa ta’usaa kan himame Mooyiboon, kana dura kitaaba Dorrobaa jedhu hawaasa qaqqabsiisuusaatu himame.
Mooyiboon Baqqalaa miseensa gumii sabaa ABO ta’uun bara 2019 irraa eegalee tajaajilaa jiraachuusaa ABO’n ibsa ajjeefamuusaa booda baaseen ibsee ture.
Dargaggoo Mooyiboon Baqqalaa rasaasa lamaan erga rukutamee booda, hospitaala Magaalaa Finfinneetti argamu Hospitaala Abeet seensifamee yaaliin taasifamuufis, lubbuunsaa darbuufi guyyaa kaleessaa hiriyootasaa magaalaa Finfinneetiin geggeessaan gara Naqamteetti taasifameefi ture.
Guyyaa har’aas bakka maatiifi jiraattonni magaala Naqamtee argamanitti sirni awwaalchasaa Waldaa Guutuu Wangeelaa Dargeetti raawwatameera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings