[ad_1]
Shororkeessitoonni Faannoo humna dabalaatiin Konkolaataa 8 oliin naannoo Amaaraarraa dhufanii, Aanaa Amuruu bakka Migir jedhu buufatanii jiraachuu maddeen himan.
Bulchaan aanaa Amuruu Obbo Faantahuun Taayyee meeshaalee biiroo mootummaafi qaamolee mootummaa magaalaa guddaa aanichaa kan taate Oborraarraa kaasuun gara Agamsaatti baqatanii jiru jedhu jiraattonni.
Humni shororkeessitoota Faannoofi Finxaaleyyiin Amaaraa ammoo gandoota qarqara magaalaa Oborraa jiran qabachuun, haleellaa itti aanuuf qopha’aa jiraachuu maddeen OMN himaniiru.
Dhimma kana ilaalchisuun jiraattota dubbisuun gabaasa qindeeffanneen hawaasni yaaddoofi sodaa qabaachuu kan nutti human yoo ta’u, Bulchaan aanaa Amuruu Obbo Faantahuun Taayyeefis bilbiluun waan gaafanne qabna.
Kaleessaafi dheengadda akkasumas eda halkan haleellaa bifa haaraatiin aanaa Amuruutti banameen lubbuun namoota nagaa hedduu darbuufi qabeenyi hawaasaa guddaan samaamuu fu barbadaa’uu jiraattonni OMN-tti himaniiru.
Qisaasamni lubbuufi mancaatiin qabeenyaa, humnoota finxaaleyyii Amaaraa fi shororkeessitoota Faannootiin hawaasa nagaarratti raawwatamu daran dabalaa dhufaa jira jedhan.
Bara 2012 irraa eegaluun hanga jalqaba bara 2015 kanaatti, ajjeefamuun, saamamuun qonnaan bultoota Oromoo furmaata hin arganne.
Godinaalee Wallagga Bahaafi Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessatti gochi suukkanneessaa kun guyyaarraa gara guyyaatti waan raawwatamuuf, ajjeefamuufi du’uun dhala namaa haaraa ta’uu dhabeera jedhu jiraattonni.
Tibba darbe duula qinda’aa finxaaleyyiifi shororkeessitootni Faannoo Amaaraa raawwataniin, magaalaa xiqqoo Agamsa jedhamtu keessatti ilmaan Oromoo 103 ta’aan haleellaa guyyaa tokkichaatiin ajjeefamaniiru.
Ragaa OMN waajjira hawaasummaa aanaa Amuruurraa argateen ammoo, guyyaa lolli kun eegalerraa kaasee hanga torban tokko duraatti ragaa galmaa’ee jiruun, Aanaa Amuruu qofatti namni 276 haleellaa finxaaleyyiin Amaaraafi shororkeessitoonni Faannoo raawwataniin lubbuun darbaniiru.
Aanaalee Godina Horro Guduruu Wallaggaa kanneen akka Jaardagaa Jaartee, Abee Dongoroo, Horro Bulluq, Jimmaa Gannatiifi Amuruu dabalatee aanaalee daangaa lafa Oromiyaafi Amaaraarra jiran dabalatee Wallagga Bahaa keessaa Kiiramuufi Haroon Oromoof biyya ormaa ta’anii jiru jedhu maddeen.
Guyyuu ajjeefamuu ilmaan Oromoo dabalatee, saamichi lafa Oromiyaarratti raawwatamaa jiru, midhaan callaafi loonii, jiraattota godinaalee kana lamaanii beela keessatti kuffisaniiru.
Namoonni kuma dhibba tokkoofi torbaatamaa ol ta’aa Aanaa Amuruu keessatti qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqaafamuun, faca’uuf dirqamaniiru.
Oromoota Harargee bara 1993 hanga 95tti sababa hongeetiin godinicha keessa qubsiifaman dabalatee dhalattoonni naannoo sanii hundi, ganda 16 keessaa wabii tokko malee hari’ameeti jira.
Roorroon walitti fufaa kun suuta suuta aanaalee ollaatti baballachaa jiraachuu kan himan maddeen, gandoota 21 aanaan Amuruu qabdu keessaa gandoota shan humna kanaan hin qabamin turan keessaa magaalaa Oborraa dabalatee gandi lama sodaa keessa jirra jedhu jiraataan aanichaa OMN’f yaada kenne.
Sababa sodaa isaanii yoo ibsan, humni finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitoota Faannoo Naannoo Amaaraarraa dabalataan fe’amee, konkolaataa 8 oliin dhufuun bakka addaa Migir jedhamu qubsiifamaa jiraachuu himatu.
Rogeeyyin finxaaleyyii Amaaraafi fuulli miidiyaa Faannoos, humni mootummaa naannoo Amaaraatiin bobbaafame, Godina Horro Guduruutti lola banuuf, ijaaramee imala eegaluusaa toora marsaa hawaasaa irratti himaa jiru.
Sababa furmaatni waarawaa argamuu dhabeef, namoonni qe’eefi qabeenya ofiirraa buqqaafaman hedduun gandoota ammaaf hin qabamin jirtu keessa jiraachaa turanis ammas marsaa lammaffaaf buqqaafamuun waan oolle jedhu.
Tibba darbe Agamsatti yeroo haleellaan raawwate sana, kantiibaa magaalittii dabalatee qaamoleen nageenyaa magaalittii gad dhiisanii ba’uusaanii hordofeetu, rukuttaan finxaaleyyii kanaan baname lubbuu namoota 103 galaafachuu kan yaadachiisan jiraattonni, ammas bulchaan aanaa Amuruu guyyaa kaleessaa magaalaa Amuruu gad dhiisee ba’ee jiraachuusaaf sodaa qabaachuu himu.
Sodaa hawaasaa kanaafi haalota aanaa Amuruu keessatti raawwatamaa jiran ilaalchisnee yaada isaanii dhagahuuf bilbila harkaa bulchaa aanaa Amuruu Obbo Faantahun Taayyeef bilbillus, Obbo Faantahuun bilbila erga kaasanii hooda, miidiyaa OMN jedhamu hin beeknu jechuun yaada kennuu didanii, muuziqaa nurratti banani.
Komii hawaasaa kanaaf quuqama kan dhaban bulchaan aanichaa, dhugaa jiru akka ibsaniif ammas ijibbaataaf bilbilluufis, yeroo sadaffaaf bibila kaasuu didaniiru.
Namootni haleellaa finxaaleyyii Amaaraafi shororkeessitoota Faannootiin qe’eefi qabeenya ofiirraa buqqaafaman kunniin, yeroo ammaa kana beelaaf saaxilamuun rakkoo keessatti kufaa jiraachuu OMN odeeffateera.
Ajjechaa suukkaneessaa irra deddeebiin Godinichatti Oromoota nagaarratti taawwatamaa jiru ilaalchisee, mootummaan naannoo Oromiyaa ammallee waan jedhe hin qabu.
Koomishinin mirga namoomaa Itiyoophiyaa garuu ibsa kaleessa galgala baaseen, ajjechaa sabummaarratti xiyyeeffatee Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessatti mullachaa jiru mootummaan akka dhaabsisu gaafateera.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings