Ayyaantuufi hayyuun Warra Maccaa, Kumalaa Fayyisaa Inikkaa Elemoo, abbaa isaanii Fiitawuraarii Inikkaa Elemoo Dullee fi haadha isaanii haadha Siiqqee Dasii Fageessaa Dabal Jibittii irraa akka lakkoofsa Itoophiyaatti bara 1910 naannoo Amboo, ganda Golfofaa, bakka Seeqattuu jedhamutti dhalatani jedhan seenaan jireenya isaanii.
Kumalaa Fayyisaa, dhalatanii umurii waggaa 15 irraa eegalanii dargaggummaan waan dhufteef qeexala fardaatiin dirree guksii miidhaksaa turani. Yaabbattuu fardeen furii, Kumee Fayyoo farda isaanii caccabsee bira darbuun beekkamuun maqaa guddaa waan horataniif umurii isaanii guutuu maqaa farda isaanitiin Abbaa Cabsii jedhamanii waamamaa turaniiru.
.
Manguddoon kun akka jaarsa biyyaa araaraa fi tokkommaa uummata isaaniif godhaniin ganamumarraa uummata isaanii biratti jaalalaa fi kabaja guddaa qabu.
Kumalaa Fayyisaa erga gaa’ela horatanii jabana gootummaan dargaggeessaa adamoodhaan beekamu, adamoo Arbaa fi Gafarsaa naannoo Jimmaa, Geeraa bakka Nacci-Saar jedhamutti Duula-Maajii duulanii mirgaan galaniiru. Erga duula Maajii Adamoo Arbaa fi Gafarsaatii galaniin booda, qabsoo abbaan isaanii Fiitawuraarii Fayyisaa Inikkaa sirna mootii irratti adeemsisaa turan irranitti makamuudhaan faana abbaa isaanii bu’anii qabsaa’aa turaniiru.
Abbaa isaanii Fayyisaa Inikkaa waliin qabsoo Waldaa Maccaa fi Tuulamaatti makamanii angafoota qabsoo waldichaa wajjin ga’ee olaanaa taphachaa turaniiru jedha seenaan jireenya isaanii.
Abbaan Cabsii, umurii dargaggummaatiin abbaa isaanirraa qabsoo dhaalanii bakka abbaa bu’uudhaan Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti shoora olaanaa taphachaa turaniirus jedhame.
Sirna dargii keessas, bara 1967 irraa eegalee sirnicha irratti qabsaa’aa kan turan yoo ta’u, mootummaan dargii olaantummaa humnasaa cimsachaa dhufuun adeemsa qabsaa’ota hedduu galaafate keessatti Kumalaa Fayyisaa fi Zawugaa Booji’aa irratti sa’aatii walfakkaatatti waraana banuun Obboo Zawugaa galaafatanii falmii hadhaawaan booda Kumalaa Fayyisaa too’atanii karchallee Ambootti hidhanii turan. Abbaan Cabsii abbaa fi haadha umuriin raagan qeyeedhaa waan qabaniif; akkasumas, qeyee ayyaanaa ulfaa guddaa kana hin balleessu jechuun adeemsa dippiloomaasii sirna dargii waliin taasisaniin ji’oota muraasaan booda hidhaadhaa ba’anii abbaaf haadha isaanii kunuunsutti kan deebi’an yoo ta’u; jeeqama uummata keessa ture tooftaan tasgabbeessanii uummanni tokkummaa fi nageenya ofii jabeeffatee hojii misooma ofii irratti akka xiyyeeffachuu qabu shoora olaanaa taphataniiru jedhame.
Bara 1976 kaasee hanga gaafa boqotaniitti Ayyaantummaadhaan uummata bal’aa tajaajilaa turaniiru jedhu warreen isaan beekan.
Abbaan Cabsii, rakkataa gargaaruun, kan beela’eef laachuun, keessummaa isaanitti dhufeef coomaaf daadhii kennuu fi rakkoo uummataa furuun sirriitti beekamu jedhu.
Galmi Qaalluu harka isaanii jiru kan isaan keessatti uummata tajaajilaa turanis: Galma Seeqattuutti – Guutee fi Adaamii, Galma Tofee, Galma Sombo, Galma Wacan, Galma Kilbee(Burre), Galma Urgaa’aa. Galma Baddeessaa, Galma Leencaa, Galma Gudarii(Saaxoo), fi Galma Siddisaa yoo ta’an, walumaagalatti Galma 11 tti uummata bal’aa guutuu biyyattii irraa dhufuuf tajaajila hedduu kennaa turuu seenaan isaanii ni mul’isa.
Kumalaa Fayyisaa haadha warraa isaanii Xajjituu Dhaabaa Gojee waliin kabajaa fi jaalala guddaadhaan waliin raaganii, harrii waliin filatanii jiraachaa kan turan yoo ta’u, ijoollee dhiiraa 8 fi ijoollee durbaa 10, waliigalatti ijoollee 18 kan horatan yoo ta’u; akaakayyuu 94 fi akaakilee 50 ol, walumaagalatti hortee ijoollee isaanii namoota 150 ol horataniiru.
Dhalatanii waggaa 105tti dirriba seenuun kan gorora liqimsan yoo ta’u, Sirni Geggeessaa isaanii bakka maatii fi bulteen, firoottanii fi jaalattoonni isaanii jiranitti Dilbata dhufu, Caamsaa 20 bara 2015 naannoo Amboo, Wacanitti ni taasifama.
Manguddoo fi namni ayyaanaa kun hambaa Ayyaantoota kaleessaa Oromoo duudhaa ayyaantummaa eeganii tursiisan ta’uu dhalattoonni naannichaa ni himu.
GIPHY App Key not set. Please check settings