in

Senaatarri bulchiinsa Oriigan Jeef Meerkileey gaaga’amni namoomaa uummata Oromoo irra gahaa jiru isaan yaaddessuu himan. – OMN


Senaatarri bulchiinsa Oriigan Jeef Meerkileey   gaaga’amni namoomaa uummata Oromoo irra gahaa jiru isaan yaaddessuu himan.

Waajjirri dhimma alaa Ameerikaa sarbama mirga namoomaa fi  gaaga’ama namoomaa Itoophiyaa keessaa ilaalchisee haalli jiru akka fooyya’u dhiibbaa akka godhu gaafatan.

Haala kaaba Itoophiyaa jiru ilaalchisee yeroo waraanni eegalee kaasee  dhiibbaa gootaniifi jijjiirama mul’achaa dhufeef isinan galateeffadha jedhaniin senaatarichi xalayaa isaaniitiin. 

Nagaan waaraa akka dhufuuf tattaaffii gootan dabalatee, ammallee gargaarsi namoomaa danqaa tokko malee dhaqqabuu qaba jechuun waajjira dantaa alaa Ameerikaatti barreessituu itti aantuu dhimmoota Afrikaa Ambassador Moolii Pee’dhaaf barreessan.

Xalayaa isaanii kanaan Senaatar Jeef Meerkleey rakkoon Itoophiyaa hundi karaa nagaan akka furamu, mariin siyaasaa hunda hirmaachisee fi hiika qabeessi akka godhamu, sarbama mirga namoomaa hanga ammaa raawwatamaniif  gaafatamummaanis akka jiraatu gaafatan. 

Dabalataanis nagaa fulla’aa buusuuf walitti bu’iinsa naannolee biroo keessa jiranii fi  saboota biroo gaaga’aa jiraniifis  xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha jedhan. 

Kun saba guddaa biyyattii Oromoo dabalatee ilaallata kan jedhan senaatarich, sabni kun sababa wal waraansa mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo naannicha keessatti godhamaa jiruutiin gaaga’ama hamaa jala jira jedhan.

Dargaggoonni sabichaa Qeerroon ministira muummee Abiy Ahmad aangootti fiduuf wal’aansoo guddaa godhaniiru; Abiy aangootti dhufuun abdii kabaja mirga namoomaa  guddaas fidee ture; Garuu Abiy erga aangootti dhufee gaaga’amni mirga namoomaa guddaan Lammiilee nagaa Oromoorraan gaheera jedhan. 

Waxabajjii bara 2020 yeroo Artistiin beekamaa Oromoo ajjeefamee booda namoota mormiif bahan, hogganoota siyaasaa dabalatee dhalattoonni Oromoo 3,500 ta’an hidhamuu, ji’a tokko keessatti 9000 kan ta’an hidhamuu fi yeroo sanii kaasee haalli Oromoon keessa jiru daran hammaachaa dhufuu eeran Senaatar Jeef Meerkileey. 

Manguddoota, haawwanii fi daa’imman akkanumallee dargaggoota irratti ajjeechaan daangaa hin qabne raawwatamuu ibsan. 

Rakkoolee kanneeniif furmaata waaraa jajjabaa sadii eeranii jiru.

Waajjirri dhimma alaa Ameerikaa waamicha nagaa fi waraana dhaabuu akka cimsee itti fufu; karaa hariiroo alaaf karaa gabaasa waggaa sarbama mirga namoomaa waaajjira dhimma alaatiinis xiyyeeffannoon sarbama mirgoota namoomaa Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf akka kennamu gaafatan.

Hojjettoonni embaasii Ameerikaa kan Itoophiyaa jiran bakkeewwan walitti bu’iinsi  Oromiyaa keessa jiru imalanii haala jiru akka hubatan, miidhamtootas akka dubbisan haalli akka mijatu gaafataniiru Senaatar Jeef Meerkileey Waajjira Dhimma AlaaAmeerikaaf barreessaniin.



Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published.

GIPHY App Key not set. Please check settings

DPM & FM Demeke Calls for Significant Financing for Post Conflict Recovery in Ethiopia | Satenaw: Ethiopian News

“I wish I hadn’t survived”: disheartening stories of Gimbi massacre survivors | Addis Zeybe