[ad_1]
Seenaa Gabaabaa Doktara kabajaa Artist Alii Birraa (1948-2022)
Alii Birraa abbaa isaa Mahammad Muussaa fii haadha isaa Faaxumaa Alii-rraa Caamsaa 26, bara 1948, magaalaa Dirree Dhawaa, Ganda Kaabaatti dhalate. Mahammadii fii Faaxuma wal fuudhanii waggaa shanitti, gaafa Aliin amata sadihii, adda bahan. Haalli kun Aliin haadha malee akka guddatu dirqisiise.
Aliin akka umrii barnootaa gayeen, mana barnoota amantii Islaamaa manneen barnootaa garaagaraatti baratee ture.
Osoo kanaan jiruu sosso’insi Afran Qalloo kan guddina afaanii fi aadaa Oromoo tiif bu’ura taate Dirree Dhawaa keessatti jalqabe. Kan sossooha kanaaf sababa tahe, cidha maatii tokkoo, kan jalqaba bara 1961 keessa godhame jedhama.
Hagayya 05, bara 1961, Hawwisoon Afran Qalloo tan maqaa Urjii Bakkalchaa dhalatte.
Miseensoonni Urjii Bakkalchaa, yaroo gabaabduu keessatti, meeshaaleen muuziqaa bitameefiin wal fudhatanii, Bitooteessa 08, bara 1962, ayyaana Iida Ramadaanaa ilaalchisuun waltajjii galma bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa-tti ol bahuun hawaasa seenaa daawwatamtee hin quufamne mirqaansan.
Dargaggoota yaamicha Urjii Bakkalchaa jalaa oowwatanii guddina aadaa fii afaan isaaniitti bobbahan keessaa tokko Alii Birraa ti. Umriisaa kudha afuritti, hawwisoo Hiriyaa Jaalalaatiif isa qaadhimsiise. Itti fufuun Alii Birraa, sosso’ina Afran Qallootiif fi Hawwisoo Urjii Bakkalchaa tiif beenziila tahe.
Hawaasni Oromoo Dirree Dhawaa malees, naannoo Baha Oromiyaa keessa, iddoo dhaqanii wallisan maratti jaalalaa fii kabajaa hawwisoo isaaniitiif qaban ibsan. Hawwisoon Afran Qalloo afaan Oromoo biratti, kan Soomaalee, Arabaa fii Hararii wallisuun itti fufte.
Haala akkanaa keessatti Ministeroonni Jabuutii kanneen boqonnaaf Dirree Dhawaa dhufan, isaanii wallisu arganii, Jabuutii dhufanii hawaasa isaanii akka booharsaniif affeeran.
Jibba Oromoof kan qabu mootummaan Haylasillaasee kan yeroo sanii garuu hin heyyamneef. Alii fii wallisoonni Urjii garuu, murtee mataa ofiitiin baaburaan tokkoo-lamaan Jabuutii cehan.
Bara 1965 muuziqaa Afaan Oromoo waltajjii Jibuutiirra baasan. Kana kan dhagahe mootummaan Haylasillaasee miseensota hawusoo kanaa kanneen Dirree Dhawaa keessa jiran adamansee hidhatti guuruu fi meeshaa muuziqaa isaanii caccabsuutti seene.
Aliin kana baree gara biyyaa dhufuurraa of qusate. Dhuma bara 1965 garuu kara biyyaa qaceele. Akka biyyattti galeenis Mana hidhaa Harari geeffame. Ji’a 6 ol hidhamee Dirree Dhawaatti deebi’e. Bara 1966 immoo Abbaan isaa barnoota naamusaa baratee akka barnootatti deebi’u Finfinneetti erge.
Aliin garuu ijoollee Dirree Dhawaa waliin wal argee mana firaa itti ergamee bahe. Achumaan karaa nama koloneel Xaahir jedhamuu baandii Kibur Zabanyaa galee muuziqaa isaa itti fufe.
Qormaataa fi dhiibbaa eenyummaa heddu damdamatee hojii muuziqaatiin dinqisiifannaa guddaa horachaa dhufe. Hawwisoo Kibuur Zabanyaa keessatti wallisoota akka Mahmuud Ahmad, Xilaahun Gassasaa fii Buzunesh Baqqalaa faa-tti hanga’ee argamuuf Aliitti yeroo hin fudhanne.
Garuu Aliin hawusoo tana keessatti dhiibbaa eenyummaa isaatiin irra turte hordofee gadhiisee gara Awaash qajeeluun hojii kan biraa jalqabe.
Jalqaba bara 1972, hojicha dhiisuun Finfinnee deebi’e. Bara 1973 keessa walleelee isaa, Abbaa lafaa, Awaash, Imimmaan jaalalaa, Kan ati feetu isaan hin fedhan, Waa sillee hin dararuu, Ushuruururuu, Eessattiin si arga, Si jaallee, Nagayattiin siin je’a imimmaan haqachaa fi hin yaadin bakka tokkotti qindeessee baase.
Qabsoo hadhooftuu inni faan godhaniin, qoqqodamni diinni hawaasa Oromoo tiif hawwe diigamee, Gurraandhala 28, bara 1976, gaafa Oromoon naannoo adda-addaarraa agarsiisa aadaatiif Finfinneetti wal gayan, Alii Birraa,
“Waa malli nu dhibee jenne bitaa-mirgaa
Karaa sirrii dhiifnee maalif deemna moggaa”
“Rabbi moo namumaa kan seera jallisee
Haati teenya takka maaltu addaan nu baase,”
“Karaan manni Abbaa Gadaa eessa
Dhaqeen Galma isaa jajjabeessa,” jechuunis sirbe.
Bara 1982 keessa, odoo Finfinnee Raas Hoteelitti wallisuu, dubartii Birgiittaa Astroom jedhamtu, tan barreessituu safaaraa Siwiidin taate waliin wal baree, fuudhe.
Birgiittaan, bara 1984 keessa ramaddii hojii biyya Itoophiyaa raawwattee hoggaa Ameerikatti jijjiiramtu, Aliin lammummaa biyya Siwiidin fudhatee, ishee waliin, magaalaa Kaalifoorniyaa tan biyya Ameerikaa dhaqe. Kaalifoorniyaattis saayinsii muuziqaa barachuu isaatu himama.
Bara 1984-1992 Alii fii Birgiittaan hojiif biyyoota Ameerikaa Kaabaa, Awurooppaa fii Eesiyaa keessa daddeeman. Haalli kuni, Alii, hawaasa Oromoo malees muuziqaa-rraa fageesse. Jiruu sadoo fii qananii qabaatullee, wallee fii wallisuun adda bahee jiraachuun rakkoo itti tahe. Kanaaf, kaaseetta isaa kan bara 1992- akka baaseen wal-hubannaadhaan Birgittaadhaan wal hiikan.
Alii Birraa, akkuma nama Dirree Dhawaa keessatti dhalatee guddatetti afaan Oromoo biratti, kan Arabaa, Amaaraa, Soomaalee fii Hararii ni dubbata. Ittiinis weellisee jira.
“Oromiyaa biyya abbaa koo tii gammachuun too hir’uu hamman si argutti” jechuun akkuma faarse bara 2004 keessa sadoo biyya namaarra rakkoo biyya isaa filachuun, jiruu biyya ambaa tan waggaa diigdamaa booda Oromiyatti deebi’e.
Gorsa abbaa isaa kan barnootatti jabaadhu jedheen yoomiyyuu ni yaadata.
Ijoollee harka qalleeyyii mana barnoota sadarkaa duraa banee carraa barnootaan walitti baase.
Alii afaan, aadaa, biyya, seenaa fii qabsoo Oromoo irratti walleeleen wallise hedduu tahuu malees, tan irraa himanii fii dhiisan keessaa filuun haalaan nama rakkisa. Gumaata guddina afaan, aadaa fii wallee Oromootiif godheef waldayoota hawaasa Oromoo hedduu-rraa badhaasa beekkamtii hojii umrii guutuu badhaafamee jira. Gumaata aartii bara jireenya isaa godheenis Yunivarsiitiin Jimmaa Doktoreetii kabajaa kenneefii jira. Jaarmayaan Muuziqaa Afrik ja’amu kan biyya Kanaadaa qooda aartii Afrikaatiif gumaacheef Badhaasa Beekkamtii kenneefii jira.
Doktarri Kabajaa Artist Alii Birraa bara 1948 dhalatee dhibee isa mudateen osoo waldhaanamaa jiruu umriisaa waggaa 74tti Sadaasa 06, 2022 boqote.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings