Seeliin Faannoo kan magaalaa Finfinnee manneen barnootaa magaalaa Finfinnee keessatti torban dhufu bifa qindaa’een hookkara kaasuuf qophiitti akka jiru dhagahame.
Maddeen OMN akka jedhanitti, gurmuun kun qindoomina qaamolee caasaa mootummaa keessa dahatanii fi deeggarsa abbootii qabeenyaa saba Amaaraatiin garee hookkara kaasu naannawaa manneen barnootaatti manneen barnootaa keessaa fi alaa qopheessee jira.
Kaayyoon garee kanaa hookkara manneen barnootaa keessatti kaasuun gara magaalaatti akka babal’atu gochuu akka ta’e ibsameeti jira.
Gartuuleen siyaasaa Amaaraa waliigaltee mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti godhameen mufatan fuula isaanii gara Oromiyaatti deebifachuu maddeen OMN kan himan.
Mootummaan gochaa murni kun magaalaa Finfinnee keeasatti raawwataa jiru saffisaan hin dhaabsisu taanaan balaa guddaatu dhufuuf deemaa jedhan.
GIPHY App Key not set. Please check settings