[ad_1]
Sa’ud Arabiyaatti lammiin Itoophiyaa embaasii fuulduratti of ajjeefte.
Lammileen Itoophiyaa Sa’ud Arabiyaa jiraatan haalli jiruu fi jireenyaa garmalee hammaachuun rakkoo garaagaraaf saaxilamaa jirraa jedhan.
Embasiin Itoophiyaa waan nu gargaaruu qabu nu hin gargaarree jechuunis komatu.
Akka namoonni OMN dubbise himanitti, lammiileen seeraan biyyattii keessa jiranis tahe, kanneen seeraan ala biyyattii seenanii manneen hidhaa keessatti rakkachaa jiran, maallaqa kafalanii akka galan godhamaa jira jedhu.
Kanneen maallaqa gaafataman hin qabne rakkina fedhan qabaatanis, dhimmi isaanii lafa irra harkifamuun, haga abdii murannaatti gahuu dubbatu.
Ji’oota 4 fi jahan kana keessatti dippiloomaatonni haarawni ramadamanii jiraachuu kan himan namoonni yaada kennan, namoonni haarawni kunneen hojiin isaanii malaamaltummaadhaan kan xaxameedhaa jedhan.
Bakkichatti kanneen ramadaman dippiloomaatonni kunneen hiree kanatti fayyadamuun waan hunda maallaqaan akka hojjatan himaniiti jiru.
Dubartiin tokko tibba kana furmaata embaasii irraa dhabnaan embaasiidhuma fuulduratti of ajjeefte jedhan.
Mootummaan rakkoo itti jirruu fi gochaa hojjattoonni embaasichaa raawwataa jiran kana quba qabaachuu qabaa jedhaniiru.
[ad_2]
Source link
GIPHY App Key not set. Please check settings