in

Salaaletti mootummaan WBO dadhabee jennaan uummata haaloo baha jedhan jiraattonni. – OMN

[ad_1]

Salaaletti mootummaan WBO dadhabee jennaan uummata haaloo baha jedhan jiraattonni.

Salaalee aanaalee garaagaraa keessatti ajjeechaa fi saamichi qabeenya uummataa waraana mootummaan bobbaasuun raawwatamu hammaatee itti fufuun himame.

Aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Hulleechootti guyyaa lama dura waraana uummata irratti banameen yoo xiqqaate lubbuun nama saddeetii darbuu kan himan maddeen odeeffannoo OMN, namoota waraanaan ajjeefaman keessa maanguddoo fi ijoolleen xixiqqoollee kan argaman ta’uu ibsan.

Aanaalee Godinichaa biroottis gochi wal fakkaatu uummata irratti raawwatamaa jiraachuu himuun, waraanni mootummaa lola WBO waliin taasisaa jirutti waan hin milkoofneef uummata nagaa irratti haaloo ba’aa jira jedhu.

Oppireeshinii waraanaa mootummaan biltsiginnaa guutuu Oromiyaa irratti labse hordofee, Salaale Aanaalee Kuyyuu, Dagam, Warra Jaarsoo, Hidhabuu Abootee fi Darraafaa keessatti lolli jabaan yeroo garaagaraatti Waraana Bilisummaa Oromoo fi loltoota Biltsiginnaa gidduutti geggeeffamaa jiraachuu Qeerroo fi maddeen waraanaa OMN garasii dubbise ibsaniiru.

Lola geggeeffamaa jiruun walqabatee kasaaraan waraanaa jabaan waraana mootummaan garasitti bobbaase mudataa jiraachuu maddeen odeeffannoo keenya kunniin himaniiru.

Waraanni mootummaa lola WBO waliin geggeessaa jirutti milkaa’uu akka hin dandeenye himanii, ariisaa garuu uummata nagaa irratti ba’aa jira jedhan. 

Ajjeechaan akkanumaan uummata nagaa irratti raawwatamu, saamichi qabeenya uummataa fi qe’ee jiraattotaa mancaasuun gochoota irra deddeebiin waraanni mootummaa aanaalee godinichaa keessatti raawwataa jiru ta’uu ibsaniiru.

Guyyaa lama dura lola aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Hulleechootti geggeeffameen kasaaraan guddaan waraana mootummaa mudachuu kan ibsan maddi waraanaa OMN’f yaada kennan, lola geggeeffameen miseensi hedduun kan irraa ajjeefame waraanni mootummaa bariituusaa uummata nagaa irratti akkanumaan lola banuun namoota 8 ajjeesuun himameera. 

Namoota dhuman keessa maanguddoo fi daa’immanillee jiru jedhan.

Magaalaa Garba Gurraachaa dabalatee gandoota aanichaa biroo, akkasumas gandoota aanaa Dagam jalatti argamanittis gochoota walfakkaatantu mul’ata jedhu Qeerroo fi Maddeen waraanaa OMN. 

Nama nagaa akkanumaan ajjeesuu, qe’ee jiraattotaa gubuu, beeyladoota hawaasaa qalanii nyaachuu fi ooffachuu, akkasumas midhaan uummataa konkolaataan fe’achuun saamicha ija baase, kan waraana mootummaan bobbaasuun irra deddeebiin qabeenya uummatichaa irratti raawwatamaa jiru dha jedhan.

Waraanni mootummaa WBO balleessuuf bobbaafame, haleellaa jabaa WBO irraa isa mudate haaloo ba’uuf,  ta’e jedhee uummata nagaa dararaa jira jedhu maddeen odeeffannoo OMN. 

Gocha diinummaa sababa  Oromummaasaa qofaaf uummata keenya irratti raawwatamaa jiru kanatti xumura gochuun kan danda’amu waloon falmachuu qofaani jedhan.

Kutaalee Oromiyaa lolli kun itti geggeeffamaa jiru biroottis ajjeechaan lammiilee nagaa, saamichi, qe’ee gubuu, hidhaa fi reebichi taatee guyyaa guyyaan waraanni mootummaa uummata irraatti raawwataa jiru ta’uu  odeeffannoon yeroo yeroon OMN qaqqabaa jiru ni mirkaneessa.

[ad_2]

Source link

What do you think?

Aggregated by Ethiopian News Digest

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

GIPHY App Key not set. Please check settings

EESA raises more than $4,000 for Cairo elementary school that serves Eritrean refugees

Tele applies for license to dish out loans